Hadiisa filatamaa /dorgommii sunnaa/

Sagantaan kun hadiisa filatamoo 80 kan kitaabaan hiikkamee qophaawe ufkessaa qaba. Kan dorgommii sunnaa tiif qopheeffameedha.

مختارات من السنة
Hadiisa filatamaa

مع تراجم الرواة والفوائد العلمية لثمانين حديثا
Hadiisa 80 Ibsa warreen Isa odeesseetiifii barnoota isaatiin wajji.
تأليف د/  محمد مرتضى بن عائش محمد
 Qopheessaan.
D/r Muhammad murteda aaish Muhammad
الترجمة .. أبو فاطمة- جمال محمد أحمد
Hiikkaan
 Abuu faaximah / shekh Jamaal shekh Muhammad  

 


الإشراف والمتابعة
قسم الدعوة وتوعية الجاليات
المكتب التعاوني للدعوة وتوعية الجاليات في الربوة, الرياض
بالمملكة العربية السعودية
toohannoofii hordoffii
kutaa daiwaa maktaba daiwaa rabwaatti.
Sawdii arabiyaa riyaad.
جميع الحقوق محفوظة للمؤلف
الطبعة الأولى عام 1436هـ - 2015م
Mirgi  maxxansaa seeraan eeggamaadha
Maxxansa duraa 1436/2015
الناشر
قسم الدعوة وتوعية الجاليات
المكتب التعاوني للدعوة وتوعية الجاليات في الربوة, الرياض
بالمملكة العربية السعودية

maxxansaafii raabsaan
kutaa daiwaa maktaba daiwaa rabwaatti.
Sawdii arabiyaa riyaad.
Baafata
Mata duree (lakkoofsa hadiisaa)                  fuula  
Baafata………………………………………………………….…………………………..3  seensa kitaabaa……………………………….……………………………..…….7
Seensa hiikaa …………………………..…………………………………………..10
Hadiisa 1ffaa……………………………………….………………………………….13
2ffaa……………………………………………………..…..…………………………….15
3ffaa…………………………………………………….………………………………….17
4ffaa………………………………………..………………………………………………18
5……………………………………………..………………..……………………………..19
6……………………………………………….……………………………………………21
7………………………………………..………………………………………………….22
8…………………………………………………………………………………………..24
9…………………………………………………………………………………………..26
10………………………………….………………………………………………………28 11……………………………………………….……………………………………………29 12……………………………………………………………………………………………31 13…………………………….………………………………………………………………32 14……………………………….…….…………………………………………………….34   15………………………………..……..………………………………………………….36  16……………………………….…………..…………………………………………….38  17……………………………….………………………………………………………….40  18……………………………..………..………………………………………………….42  19……………………………………..………………………………………………….44  20…………………………………….…………………………………………………..45  21…………………………………………………………………………………………….47  22…………………………………………………………………………………………49
23………………………………………………………….……..………………………….51 24…………………………………………………………………………………………..54 25………………………………………………………………………………………..55  26…………………………………………………………………………………………57  27……………………………………………….…………………………………………59  28……………………………………………...……………………………………………60  29…………………………………………….….………………………………………..62  30……………………………………………....………………………………………….63  31………………………………………………………………………………………….64  32…………………………………………..……………………………………………66  33…………………………………………………………………………………………68  34…………………………………………………………………………………………70  35…………………………………………………………………………………………72  36…………………………………………………….……………………………………74  37…………………………………………………………………………………………76  38…………………………………………………………………………………………78  39……………………………………………………..…………………………………79  40……………………………………………….………………………….……………80  41…………………………………………………………………………………………81  42……………………………………………….…………………………………………83  43…………………………………………………………………………………………85  44………………………………………….………………………………………………86  45…………………………………………………………………………………………88  46………………………………………………………..………………………………90   47…………………………………………………………………………………………92  48…………………………………………………………………………………………95  49………………………………………..………………………………………………99  50……………………………………………………………………………………….101  51………………………………………………………..………………………………..102  52……………………………………………………..……………………………………103  53……………………………………………………………………………………… 105 54……………………………………………….……………………………………..106  55……………………………………………….…………………………………………108  56……………………………………………………….………………………………..110  58………………………………………………………………………………………..113  59…………………………………………………………………………………………115  60…………………………………………………………………………………………117  61………………………………………………………………………………………….118  62…………………………………………………………….……………………………121  63……………………………………….………………………………………………..123  64………………………………………………….……………………………………..125  65…………………………………………………..…………………………………….127  66………………………………………………………………………………………..128  67………………………………………………..……………………………………..130  68…………………………………………………..…………………………………..131  69………………………………………………….…………………………………….134  70………………………………………………………………………………………..136  71………………………………………………………..……………………………….137  72……………………………………………………………………………………..139  73……………………………………………………………………………………140  74……………………………………………………………………………………142 75………………………………………………..…………………………………..144  76……………………………………………………………………………………145  77…………………………………………………..……………………………….147  78…………………………………………………….…………………………… 149  79…………………………………………………..……………………………….150  80…………………………………………………….………………………………152

 


مقدمة المترجم
Duree nama kitaaba hiikee
Bismillaahi Rrahmaani Rrahiim.
Alhamdu liLaahi assalaatu wassalaamu alaa Rasuulilaah wa alaa aalihii wasahbih Ummata keenya! Barnoota bu'uraa kan islaamaa barachuun Muslima hundarratti diqama cimaa tahuun beekamaadha. Kuni ammo hadiisa nabii s.a.w. barachuudhaan taha.
         Akkasuma kitaabni kun Afaan keenya kan oromootitti hiikkamee waan qophaaweef ummanni keenya dubbisanii irraa barachuun laafaadha. keeysaawuu barattoota keenya haalaan fayyada jenneeti abdii goona.
 Akkuma Walaloo tiyya keysatti jedhetti:-
BismiLlaahiidhaan jalqabeeti.
Alhamdu liLlaah itti anseeti.
Nagayaaf rahmata nabbi buuseeti.
Aaliif sahaabaa hunda saaniitii.
         Amma ba’idu kanatti aanseetii.    
ya obboleyyan muslimaatii.
Isiniin jaaladhaa Rabbiif jedheeti.
Dhufee waan qabu isinii fideetii.
Eegaa wanni isinii fidee qaaliin kunoo kitaaba kana narraa fudhadhaa.
  Kitaabni kun hadiisa filatamoo 80 uf keessaa qaba. Kan hadiisoowwan kana walitti qabee afaan arabiitiin barreesse obboleessa kiyya kan muslimaa d/r murtadaa dha. Lammii biyya bangilaadeeshi.maktaba keenya kan rabwaa kan magaalaa riyaaditti argamu keessa wajji hojjanna. Ani ammo kitaabdicha afaan keenya kan oromootti hiike. Seenaa sahaabota hadiisicha odeessaniitis akkasumatti hiiknee dhiheessine. Akkasuma barnoota hadiisicharraa argannus qabxiidhaan lakkoofsaan dhiheeysinee jirra. Egaa kitaabni kun barnoota hedduu kana ufkeysaa qaba.
 Egaa  kitaabni kun waan jabduu takka tahuu isaa beytanii akka jabeysitanii dubbistanii irraa barattan isin hubachiisna.
Akkasuma kitaabban sagalee fii vidiyoo  daiwaa afaan addunyaa bebbekamoodhaa fii afaan oromootiinis argachuuf websayita maktaba keenyaa seenaa afaan feetan filadhaa banadhaa hordofaa. www.islamhouse.com
Duuba hojii teenya tana tan buaa qabduufii tan nuufii ummatas fayyaddu Rabbi nuuf haa godhu. Rahmataafi araarama Rabbii akka naaf kadhattanis isinitti dhaammanna.
Obboleessa keysan-
shekh Jamaal shekh Muhammad abbaa xaalib.
 Emel…….………[email protected]
Tewetter…..@abusaalih
Skype……...shekhjemal1
Facebook...أبو صالح المهاجري
Mobaila..….00966505697461  
K.S.A.  Riyadh.

 

 

 

 

 

 


مقدمة المؤلف
Duree abbaa kitaaba kaayee.
Bismillaahi Rahmaani Rahiim.
    Maqq Rabbi rahmata qabuutiiniin jalqaba. Galanni hundi raabii gooytaa uumamtootaa taheef haa galu. Nagayaa fii rahmanni Rabbii nabiyyii isaa Muhammadirratti haabu'u. firaafii sahaabaa isaaniillee walhaagayu.warreen isaan hordofe hundaas haa gayu.
Barnoonni hadiisa rasuulaa s.a.w. amaantii islaamaa keessatti sadarkaa ol'aanaa qaba. Kunis waan qur'aanatti aanee burqaa seera amantaa islaamaa kan lamaffaadhaa taheef jecha. Tanaaf barnoota isaa itti jajjabaatuufii babal'isuun muslimtootarratti barbaachisaadha.
Nabiin keenya s.a.w.akkana jedhan "nama hadiisa tokko nurraa dhagayee nama barsiise Rabbiin fuula isaa haabareechu. namni barataadhaa kan barsiisaa isaarra hifziin cimaadhaa hedduutu jira."
Ibnu maajah (232) fi tirmiziitu (2657) odeesse, jechi ka ibnu maajah. tirmiziin sahiiha jedhe. Albaaniinis sahiiha jedhe.
Kanaf hadiisoowwan waayee barnoota islaamaa uf keessaa qabdu fiffilee walitti qabe. Barnoota hadiisa sanirraa argannus ibsuudhaan wajji, akka ummanni nabiyyii keenya karaa isaa baranii jala deemaniif jecha. Akka kanaan diin Rabbii ol qabanii jaalala Rabbii adduniyaafii aakhiratis argataniif .
Yeroon ibsa qabxiilee ilmii ibsu barnoota ulamaaii islaamaa bebbeekamoo akka imaamunnawaawii fii hafiz ibnu hajar irraa fayyadameeti.
Ammo murtiin hadiisarratti godhamu yoo hadiisni kan bukhaariitii fi muslim tahe akkasumatti sahiiha tahuun isaa beekame fudhatama. Ummata hunda biratti sahiiha tahuun kitaaba kana lameenii beekamaa waan taheef jecha.
Ammo hadiisoowwan kitaaba abiidaawud, tirmizii, nasaii, ibnumaajah, irraa fuudhaman murtii shekh naasiruddiin alalbaaniittu fudhatama. Kan tarmiizii keessatti waan tarmiiziin hadiisa isaatiin jedhe ni ibsina.
Eegasii mudiira (duree) biiroo da'iwaa rabwaa kan tahan kabajamoo shekh khaalid binu alii abalkheyli deeggarsaa fi qajeelfama isaan yeroo hunda akka daiwaa tajaajilluuf nuuf godhanirratti haalaanin galatoomfadha.
Ittiin aansee kabajamoo shekh naasir binu Muhammad alhuweesh duree kutaa lammii biyya alaa (jaaliyaataa) kantahan deggarsaa fii qajeelfama isaaniitiif haalaanin galatoomfadha.
Akkuma obboleeyyan kiyya kabajamoo yaadaa fii qeeqa isaaniitiin nacinaa dhaabbatanii najajjabeessan hunda galatoomfadhutti,obboleeyyan kiyya du'aata maktaba keenya haagalatoomaniin jedha, keeysaawu  obboleessa kiyya abdul aziiz mad'uuf galata guddaa qaba.
Nagayaaf Rahmanni Rabbii nabii keenyarratti haabu'u, sahaabaafi hordoftoota walhaagayu,alhamdu lillaahi Rabbil aalamiin.
Qopheessaa kitaabdichaa.
7/2/1435hijraa yookaan 29/11/2015


بسم الله الرحمن الرحيم
توحِيد الله تعالى, هو السبيل إلى الجنة
1- عَنْ عُثـْمَانَ t قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ r: "مَنْ مَاتَ وَهُوَ يَعْلَمُ أَنَّهُ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللهُ دَخَلَ الْجَنَّةَ".(صحيح مسلم, رقم الحديث 41 - (26), ).
Bismillaa hirrahmaani rrahiim.
Tokkummaa Rabbi mirkaneesuun jannata nama geessa.
1-usmaanirraa R.A. akkana jedhe, Nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan jedhe "namni osoo dhugaan gabbaramaan Allaah malee hinjiruu mirkaneessaa due jannata seenaa"  muslim 41 (26)
Seenaa nama hadiisicha odeessee.
Usmaan ilma affaan ilma abilaas jedhama. Gosti isaa qureyshiidha.eega bara lola arbaatii waggaa 6ffatti makkatti dhalate.  Akkuma nabiin s.a.w. ergamaniin islaamaye. Inni sadeessaa hooggantoota muslimaati. Inni warra dura gara biyya habashaa godaanerraayi, intala nabii keenyaa ruqayyaa jaartii isaatiin wajji. Inni warra qabeenyaafii lubbuu ufiitiis islaamaaf wareegan keessaa tokko. Lola tabuuk gaala 950 fi farad 50n gargaare.akkasuma eela bishaanii ruumaa jedhamu kan warri madiinaa irraa dhugu kuma digdamiin bitee ummataaf sadaqate. Akkasuma masjiida nabiitis kuma dhigdamii shaniin balise.
yeroo  umar due waggaa 23ffaa hijraatti Mootummaaf beellama kennamee mootii (khaliifaa) tahe. qur'aana walitti qabee kitaaba tokkotti katabsiise.
Yeroo mootummaa isaa keessa mootummaan islaamaa akkaan babal'attee aasiyaafii aafrikaa keessa diriirte. Hadiisa 146 isarraa odeeffame.
Waggaa 35 hijraatti isaa umrii waggaa 82    madiinatti manuma isaatti shiftoota abaaramootaan ajjeefamee wareegame.
Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-namni towhiida (tokkummaa rabbi) irratti due jannata seena.
2-towhiida qabachuun diqama barbaachisaadha.
3- waan towhiida balleessu kan akka shirkii kufrii kanneen kana fakkaatu irraa fagachuu barbaachisa.
فضل الْآيَتَيْنِ مِنْ آخِرِ سُورَةِ البَقَرَةِ
2- عَنْ أَبِيْ مَسْعُوْدٍ t, قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ r: "مَنْ قَرَأَ بِالْآيَتَيْنِ مِنْ آخِرِ سُورَةِ البَقَرَةِ فِي لَيْلَةٍ كَفَتَاهُ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 5009, وصحيح مسلم, رقم الحديث 256 - (808), واللفظ للبخاري).
Sadarkaa guddina aayata lameen dhuma suuraa baqaraa.
2- Abbaa mas'uudirraa odeeffamee nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan jedhe  "namni halkan hundaa dhuma suuraa baqaraa irraa aayata lama qarae isaaf geessi." Bukhaariifii muslimtu odeesse lafziin kan bukhaariiti.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Inni abbaa mas'uud uqbaa ilma amriiti.beellama aqabaa tan lammaffaa irratti argamee jira.umriidhaan irra xiqqaa warreen achirratti argamaniiti. Uhudiifii lola achi boodaas hunda hirmaatee jira. Eegasii magaalaa kuufaatti mana jaaratee gale. Aliyyi r.a. yeroo lola saffiinitti bahu bulchaa godina kuufaa godhee isa filee ture. Hadiisni inni odeesse 102 gayee jira. Waggaa hijraa 42 madiinatti due.

Ergaalee hadiisa kanaa irraa argannu.
1-Aayata kana lameen halkan hundaawu qara'uun sababaa namni ittiin kheyrii argatee hamtuu jalaa itti tiyfamuudha.
2-Aayata kana lameen halkan hundaawu qara'uun hariiroo gabrichi rabbiin wajji qabu namaaf jajjabeysiti.
3- namni muslimaa hundi aayata tana lameen haffazuun barbaachisaadha. Isiniis tan olitti mul'attu tana.

 

فضل من يعتني بنشر السنة النبوية
3-عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ مَسْعُوْدٍ t, عَنِ النَّبيِّ r قَالَ: "نضَّرَ اللهُ امْرَأً, سَمِعَ مِنَّا حَدِيْثاً؛ فَبَلَّغَهُ؛ فَرُبَّ مُبَلَّغٍ أَحْفَظُ مِنْ سَامِعٍ".
(سنن ابن ماجه, رقم الحديث 232, وجامع الترمذي, رقم الحديث 2657, واللفظ لابن ماجه, قَالَ الإمام الترمذي عن هذا الحديث: حسن صحيح, وصححه الألباني).
Sadarkaa nama barnoota hadiisaatti xiyyeeffatuu.
3-Abdallaa ilma masuud irraa odeefamee nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe.  "nama hadiisa tokko nurraa dhagayee nama barsiise Rabbiin fuula isaa haabareechu.namni barataadhaa kan barsiisaa isaarra hifziin cimaadhaa hedduutu jira."
Ibnu maajah (232) fi tirmiziitu (2657) odeesse, jechi ka ibnu maajah. tirmiziin sahiiha jedhe. Albaaniinis sahiiha jedhe.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Abdullah ilma masuud r.a. inni hangafoota sahaabaa bebbeekamoo  keessaa tokkodha. Akkaan ugummaa qaraatii qur'aanaa qaba. Hadiisni inni odeesse 848. Duula hundaawu nabiin wajji dhaqee jira.eega nabii boodas lola yarmuuk dhaqee jira. Umar akka diin barsiisuuf kuufatti isa ergee. Eegasii usmaan bulchaa kuufaa isa godhe. Eegasii akka madiinatti deebiu isa ajaje.bara hijraa32ffaa isaa umriin isaa 60 fii wahii madiinatti due.baqii'itti awwaalame.
Ergaa hadiisa kanaarra barannu.
1-nama diin kana babalisu rabbiin adduniyaafii aakhirattis nikabajee ni milkeessaas.
2- nabiin s.a.w. nama hadiisaa isaa barsiisuuf du'aa'ii godhee jira akka fuulli isaa ifuuf.
3- hadiisni kun karaa mijjaaye hundaan barnoota diin babalisuun haalaan barbaachisaa tahuudha nuuf ibsa.

 

 

 

حراسة عقيدة التوحيد من الشرك وشوائبه
4- عَنْ حُذَيْفَةَ  عَنِ النَّبيِّ r قَالَ: "لاَ تَقُوْلُوْا: مَا شَاءَ اللهُ وَشَاءَ فُلاَنٌ؛ وَلكِنْ قُوْلُوْا: مَا شَاءَ اللهُ، ثُمَّ شَاءَ فُلاَنٌ".
(سنن أبي داود, رقم الحديث 4980, وصححه الألباني).
Aqiidaa towhiidaa jallinarraa eeguu
4-Huzeyfaa ilma yamaanii r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe ''yoo rabbiifii ebalu jedhan hinjedhinaa garuu yoo Rabbiin jedhe yoo rabbi gaditti ebalu jedhe jedhaa." Abuu daawud odeesse.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Huzeyfaa ilma yamaani ilma huseyli alafsii jedhama. Inni hangafoota gootota sahaabaa irraayi. Saahiba iccitii rasuulaati ture. hadiisoowwan isaa 255. Lola khandaqiifii lola sanboodaa irratti hirmaatee jira.bara hijraa 36tti iraaqitti due Rabbiin isarraa haajaalatu.

 

Barnoota hadiisa kanarra argannu
1-namni  aqiidaa isaa qulqulleessee shirkirraa eeggatuu.
2-Rabbiin tokkichaa zaataafii sifaataafi hojii isaa keessattis jedhanii itti amanuun barbaachisaadha.
3-jechoota dogoggoraa kan amantii faallessurraa
dhoowwamuu.

الإنسان مفتقر إلى الله  في كل أحواله
5- عَنْ عَائِشَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا, أَنَّهَا سُئِلَتْ  عَمَّا كَانَ رَسُوْلُ اللهِ r يَدْعُوْ بِهِ اللهَ؛ قَالَتْ: كَانَ يَقُوْلُ: "اللَّهُمَّ إِنِّيْ أَعُوْذُ بِكَ مِنْ شَرِّ مَا عَمِلْتُ، وَمِنْ شَرِّ مَا لَمْ أَعْمَلْ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 66 - (2716),).
Ilmi namaa yeroo hunda Rabbitti haajamaadha.
5-Aayyoo aaishaa r.a.nigaafatamte nabiin s.a.w. yeroo hedduu maaliin Rabbi kadhata ? jennaan akkana jedhaa  jette: "Allaahumma innii auuzu bika min sharri maa amiltu wamin sharri maalam aimal"muslimtu odeesse. 66/2766
Namni  hadiisa kana odeesse.
Namni hadiisa kana odeesse haadha muimintootaa aayyoo aaishaa intala abiibakar-assiddiq r.a. . nabiin s.a.w. hijraa dura isii fuudhe eega hijraa bahanii madiinatti itti gale isii umrii waggaa 9. Hayyuu beekamtuu akkaan ilmii diin guddoo qabdu turte. Isii umrii waggaa18 ti nabiin s.a.w. irraa due.  Nabii keenyarraa hadiisni isiin odeessite 2210 dha. Halkan salaasaa ramadaana guyyaa 17 bara hijraa 57  isii umrii waggaa  66 du'aan gama rahmata Rabbii godaante. Abuu hureyraatu irratti salaate. Baqii'itti awwaalamte.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-Namni hundi badirraa fagaachuu barbaachisa.
2-badiilee hojjaterraa namni hundi rabbitti maganfachuu barbaachisa.
3-kan itti maganfataniifi itti dheeysan rabbuma qofa.

 

الحث على التمسك بمكارم الأخلاق
6- عَنْ عَائِشَةَ رَضِيَ اللهُ عَنْهَا أُمِّ الْمُؤْمِنِيْنَ قَالَتْ:  سَمِعْتُ رَسُوْلَ اللهِ r يَقُوْلُ:  "إِنَّ الْمُؤْمِنَ لَيُدْرِكُ بِحُسْنِ خُلُقِهِ دَرَجَةَ الصَّائِمِ القَائِمِ".
(سنن أبي داود, رقم الحديث 4798, وصححه الألباني).
Haaalaaf amala gaarirratti nama kakaasuu.
6-aayyoo aaishaan r.a. nabiin s.a.w. kan akkana jedhaniin dhagaye " mu'iminni haalaaf amala gaarii isaatiin sadarkaa nama soomanuu fii dhaabbatee salaatuu argata." Abiidaawud odeesse /4798/ albaaniin sahiiha godhe.
سبق ذكر الراوي في الحديث برقم 5:
Namni  hadiisa kana odeesse.
Seenaan nama hadiisa kana odeesse hadiisa lakkofsa 5ffaa irratti ibsamee jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu
1-haalaa amalli gaariifii iimaanni walitti hidhaa qabaachuu isaanii, kana jechuun yoo iimaanni tole haalaa amalli nitola yoo imaanni hammaate haalaa amalli ni hammaata.
2-islaama keessatti haalaa amala gaarii qabachuun barbaachisaa fii dirqama akka tahe.
3-haalaa amalli gaariin iimaanaafii hojii gaariin wajji waan rabbitti nama dhiheeysu toltuu jaalatamtuudha.
الإسلام ليس دين اللعن والشتم
7-عَنْ أَبِي الدَّرْدَاءِ t يَقُوْلُ: قَالَ رَسُولُ اللهِ r: "لاَ يَكُوْنُ اللَّعَّانُوْنَ شُفَعَاءَ وَلاَ شُهَدَاءَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 85 - (2598),).
Islaama keessatti wal arrabsuufi wal abaaruun dhoowwadha.
7-abbaa dardaairraa odeeffame nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "namoonni nama abaaruu heddemmeessan guyyaa qiyaamaa manguddoo araaraa fi raagaallee hintahan"  muslimtu odeesse 85/2598.

Namni  hadiisa kana odeesse.
Kan hadiisa kana odeesee abbaa dardaai uweymi ilma zeydi ilma qeysi gosa ansaaraa khazraj irraa kan tahe.guyyaa badriiti islaamaye. Ogeeysa ummata kanaa jechuun beekama. Dimishqatti abbaa hiyyeessaa jechuun beekama.achitti qaadii tahee ture. Inni warreen jiruu nabiitiin qur'aana walitti qabaniifii haffazan keessaa tokkodha. Hadiisa 179 qaba. umrii iass 72ti bara hijraa 32tti due.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.

1-hiikkaa hadiisa kanaa keessatti wanni hubatamu.
A-adunyatti namoonni akkanaa raga hintahan waan  jallatoo tahaniif.
B-isaan karaa rabbi keessatti wareegamuu hin argatan.
C-guyyaa qiyaamaa yeroo muinintoonni walshafa'an isaan nama shafa'uu hindandayan.
2-abaarsi dhoowwaa tahuu ibsa.
3-diin islaamaa amantii jaalalaafii rahmataati malee tan jibbaafii wal abaarsaatii miti.

الإسلام دين الحياء والرفق وحسن التعامل
8- عَنْ أَنَسٍ  قَالَ: قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r: "مَا كَانَ الفُحْشُ فِيْ شَيْءٍ إِلاَّ شَانَهُ، وَمَا كَانَ الحَيَاءُ فِيْ شَيْءٍ إلاَّ زَانَهُ".
(جامع الترمذي, رقم الحديث 1974, و سنن ابن ماجه, رقم الحديث 4185, واللفظ للترمذي, قَالَ الإمام الترمذي: هذا حديث حسن غريب, وصححه الألباني).
Islaamummaan kabajaafi badirraa qaanfachutti nama kaafti.
8-anas ibnu maalik r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "baalagummaan waantakka keessatti tahee fokkisu malee hin hafu,kabajaa fi qaachiin waantakka keessatti tahee bareechu malee hin hafu."tirmizii 1974fi ibnu maajah 4185 tu odeesse.lafziin kan tirmiziiti hasaniifi gariib jedheen albaaniin sahiiha godhe.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Kan hadiisa kana odeesse abbaa hamzaa anas ilma maalik gosa ansaariyyi kan tahe.hijraa dura waggaa 10tti madiinatti dhalate. Joollummaan islaamaye. Eegasii nabitti shariike waggaa 10n nabiin kaddamuu ture. Hanga gaafa nabiin du'aan gama rahmata Rabbii deemaniitti isaanuma bira ture.hadiisa hedduu odeessuun beekama. Hadiisni inni odeesse 2286 dha. Eega du'a nabiiti gara dimishqaa deeme eegasii gara basraa godaane. Basratti bara hijraa 93tti isaa umriin isaa waggaa 100 dabarte du'aan gama aakhiraa godaane.
Barnoota hadiisa kanarra argannu
1-islaamummaan diin kabajaafii waa saalfatuuti tanaaf jechootaa fii hojii fokkattu hunda dhoowwee jira.
2-hayya'ini (waa qaanfachuun) haalaaf amala gaarii faarfamaa waan taheef muslimni hundi qabaachuu qaba.
3-hayaa'ini (waa qaanfachuun) Rabbiif qajeelurratti nama kaasa akkuma hayaa'a dhabuun dilirratti nama kaasutti.

 

 


الدعاء بعد الأكل والشرب
9- عَنْ ‏‏أَبِيْ أَيُّوبَ الأَنْصَارِيِّ ‏‏,  قَالَ:‏ كَانَ رَسُولُ اللهِ ‏‏r ‏إِذَا أَكَلَ أَوْ شَرِبَ قَالَ: "الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِيْ أَطْعَمَ وَسَقَى،‏‏ وَسَوَّغَهُ،‏ ‏وَجَعَلَ لَهُ مَخْرَجا".
(سنن أبي داود, رقم الحديث 3851, وصححه الألباني).
Du'aa'ii nyaataaf dhugaatii boodaa.
9-Abbaan ayyuub alansaariin r.a. nabiin s.a.w. yeroo nyaataniifi dhugan akkana jedhan jedhe "Alhamdu lillaahillazii ax'ama wasaqaa wasawwagahuu waja'ala lahuu makhraja"
Hiikkaan "galanni Rabbiif haa tahu ka nu nyaachise, nu obaasee, nudhihachiise, kan karaa nurraa ittiin gadi bahu godheef."  Abuudaawud 3851 odeese. Albaaniin sahiiha godhe.
Namni  hadiisa kana odeesse.
 Abbaa ayyuub al-ansaarii khaalid ibnu zeyd ibnu kaliib al-khazrajii  annajjaarii. Sahaabaa guddaa beekamaa ansaararraa tahe. Bey'aa qabaa tan lammaffaa irratti hirmaatee jira. Akkasuma duula badrii, duula uhudiifi kanneen birootis nabiin wajji hirmaatee jira. Nama obsaa, qabsoo islaamaa jaalatu ture. Yeroo madiinaa galan nabiin mana isaati qubatan. Hanga manaafii masgiida jaaratanitti achuma turan. Hadiisni inni odeesse 155. Abbaan ayyuub bara hijraa 52tti yeroo duula qasxanxiiniyyaa qasxanxiiniyyatti duaan gama aakhiraa godaane. Yaziiditu irratti salaate. jogola qasxanxiiniyyaa jalatti awwaalame.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-namni muslimaa qananii rabbiin isaa kennerratti Rabbiif galata galchuun barbaachisaadha.
2-qananiin nubiratti taate tan Rabbii tahuu mirkaneessuu nubarbaachisa.
3-namni muslimaa Rabbii isa qananiise yaadachuu fii galata isaa galchuu qaba.

 

 

 

 


أَفْضَلُ الكلام عند الله: سُبْحَانَ اللهِ وَبَحِمْدِه
10- عَنْ أَبِيْ ذَرٍّ t، أَنَّ رَسُوْلَ اللهِ r سُئِلَ: أَيُّ الْكَلاَمِ أَفْضَلُ؟ قَالَ: "مَا اصْطَفَى اللهُ لِمَلائِكَتِهِ أَوْ لِعِبَادِهِ:  سُبْحَانَ اللهِ وَبَحِمْدِهِ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 84 - (2731), ).
Jechi guddaan Rabbi biratti subhaanallaahi wabi hamdihii.
10-abbaan zarrii r.a. nabiin s.a.w.jechoota keessaa kamtu irra caala ? jechuudhaan gaafatamanii akkana jedhan jedhe," kan Rabbiin maleeykaa isaatiifi gabroottan isaatii file sun subhaanallahi wabihamdihii" jedhe. Muslimtu odeesse 84/2731
Namni  hadiisa kana odeesse.
Abuu zarri jundub ibnu junaadah al-gifaariyyii kan tahe. Hangafoota sahaabaa keessaa tokko. Arjaa beekamaa waan qabuu sadaqarraa hin hanbifanne. Kanuma ummataafis fatwa godhuu ture madiinatti. Hadiisni nni odeesse 281. Gama shaamitti bahee achitaauu ture. Eegasi ganda rabzaa jedhamtu tan madiinarraa gara riyaaditti kiiloomeetira 100 fagaattu taa'e. achumatti bara hijraa 31 du'aan gama aakhiraa godaane. Ibnu mas'uud irratti salaate.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-akkaataa himame kanatti Rabbi faarsuun barbaachisaa tahuu.
2-faaruu Rabbii heddummeysuun waan qalbii namaa qajeelchuu fii kan lubbuu gammachiisu tahuu isaa.
3-keysaawuu tasbiihaa baayisnee Rabbi faarsuun akkaan gaarii tahuu isaa.
الابتداع في أمور الدين ضلال
11- عَنْ عَائِشَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا أَنَّ رَسُوْلَ اللهِ r قَالَ: "مَنْ عَمِلَ عَمَلاً لَيْسَ عَلَيْهِ أَمْرُنَا فَهُوَ رَدٌّ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 18- (1718), وصحيح البخاري, رقم الحديث 2697, واللفظ لمسلم).
Waayee diin keessatti baasa baasuun dhoowwaadh.
11-Ayyoo Aa'ishaan r.a.nabiin s.a.w. akkana jedhan jette " namni hojii ajajni keenya isarratti hintahin hojjate inni deeffamaadha (bu'aa isaaf hinqabu)" muslimtu odeesse 18/1718 bukhaarii 2697 jechi kamuslimi.
سبق ذكر الراوي في الحديث برقم 5:
Namni  hadiisa kana odeesse.
Eenyummaan sahaabdichaa hadiisa lakkofsa 5tti ibsamee dabree jira.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-baasa haarawa hundee hinqabne diin keeysatti fiduun dhoowwaadha haraami.
2-kitaaba Rabbiitiifi sunnaa nabii qabachuufii hordofuun dirqama jabeeyfamaadha. Kana tahuu isaa hundi hubaachuun barbaachisaadha.
3-bid'aan (baasni) diin keessatti tahe hundi isaa jallina. Waan hinbarbaachifne.

 

 

ماَ أَكْثَرُ دُعَاءِ النَّبيِّ r؟
12- عَنْ أَنَسٍ t قَالَ:  كَانَ أَكْثَرُ دُعَاءِ النَّبيِّ r (اَللَّهُمَّ ﯜ  ﯝ  ﯞ  ﯟ   ﯠ  ﯡ  ﯢ  ﯣ  ﯤ  ﯥ  ﯦ    
(صحيح البخاري, رقم الحديث 6389, وصحيح مسلم, رقم الحديث 23- (2688), واللفظ للبخاري).
Hedduu kadhaa nabiin ittiin Rabbi kadhatu.
12-Anas ilma maalik r.a. irra hedduun kadhaa nabii s.a.w. kana ture jedhe. "Rabbanaa aatinaa fidduniyaa hasanatan wa fil aakhirati hasanatan waqinaa azaabannaar" hiikkaan  " yaa Rabbii keenya duniyattis gaarii nuukenni, aakhirattis gaarii nuukenni, azaaba ibiddaa jalaa nubaasi" albaqarah 201. Bukarii 6389 fii muslim 23/2688 lafziin kan bukhaariiti.
 
Namni  hadiisa kana odeesse.
Eenyummaan sahaabdicha hadiisa kana odeessee hadiisa lakkoofsa 8tti ibsamee jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-amantiin islaamaa diin milkii addunyaafii aakhiraa ufkeessaa qabu,
2-du'aa'iin tuni kheyrii adduniyaa fii aakhiraa hedduu uf keessaa qabdi waan taheef heddummeysuu barbaachisa.
أَحَبُّ الْبِلاَدِ إِلَى اللَّهِ مَسَاجِدُهَا
13- عَنْ أَبيْ هُرَيْرَةَ t أَنَّ رَسُوْلَ اللهِ r قَالَ: "أَحَبُّ الْبِلاَدِ إِلَى اللَّهِ مَسَاجِدُهَا، وَأَبْغَضُ الْبِلاَدِ إِلَى اللَّهِ أَسْوَاقُهَا".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 288 -(671), ).
Lafarraa bakkiti Rabbi biratti jaalatamtuu masgiida.
13-Abiihureyraan nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe."irrajaalatamtuun biyyaa Rabbi biratti masgiida isiiti, irrajibbamtuun ammo gabayaa isiiti." Muslimtu odeesse 288/671

 


Namni  hadiisa kana odeesse.
Kan hadiisa kana odeesse abdurrahmaan ilma sakhrii addowsii alyamaanii abiihureyraan moggaafame hureyraa jechuun adurreedha. Waan yeroo warra isaatii re'ee tiiysu adurreen taphatuuf abbaa adurree jedhame. Waggaa 7ffaa hijraa bara injifannoo kheybar islaamaye. Waggoota 4f nabitti maxxanee osoo yoggu takkallee irraa achi hinbahin barnoota hedduu barate. Irra caalaa nama sahaabarraa hadiisa odeesseeti tahe. Hadiisni inni odeesse 5374. Beytota (fuqahaa'a) madiinaarraa tokko ture. Madiinumatti bara hijraa 57 du'aan gama aakhiraa godaane. Baqii'itti awwaalame.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-masgiinni bakka kabajamtuu ibaadaan Rabbii itti godhamtu, keessaawuu salaanni shanan.
2-qulqullummaa masgiidaa eeguun barbaachisaa fi dirqama akka tahe.
3-bakkiti gabayaa badiin akka walgowwoomsuu, kijibaan kakachuu, salaatarraa dagamuun kkf waan keessatti jirtuuf bakka biyya keessaa jibamtuu tahuun isii beekamee jira.
الاستعاذة بالله من الأمراض السيئة
14-عَنْ أنس t أنَّ النَّبِيَّ r  كَانَ يَقُوْلُ: "اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْجُنُونِ, وَالْجُذَامِ، وَالْبَرَصِ، وَ سَيِّئِ الأَسْقَامِ".
(سنن النسائي, رقم الحديث 5493, سنن أبي داود, رقم الحديث 1554, واللفظ للنسائي, وصححه الألباني).
Dhukkuboota hahamarraa Rabbitti maganfachuu.
14-anas ibnu maakil nabiin s.a.w. akkana jedhaniiti Rabbi kadhatan jedhe "Allaahumma innii auuzu bika minal junuuni, waljuzaami, walbarasi, wasayyi'il asqaam" hiikkaan " yaa Rabbi maraattummaarraa, qomaaxummaarraa, soomiirraa (barasarraa), dhukkuba fofokkataa biroorraa sitti maganfadha" nasaa'ii 5493 fi abuudaawud 1454 odeesse. lafziin kan nasaaiyyiiti, albaaniin sahiiha godhe.
 
Namni  hadiisa kana odeesse.
Seenaan sahaabdicha hadiisa kana odeessee hadiisa lakkoofsa 8tti dabree jira.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-dhukkuboota kanarraa nabiin s.a.w. nimaganfate waan isiin hamtuu taateef jecha.
2-fayyaan qananii Rabbii waan taateef Rabbiif galata galchuufii ufirratti jabaatanii eeguu barbaachisa.
3-sababaalee ittiin fayyaan namaa eeggamu kan Rabbiin namaa godhe hunda eeggachuun gaariidha. Waan rakkoo dhukkubaa namatti fidurraalle fagaachuun akkasumatti barbaachisaadha.

 


فضل صِيَامِ يَوْمِ عَرَفَةَ
15- عَنْ أَبيْ قَتَادَةَ t, أَنَّ النَّبِيَّ r قَالَ: "صِيَامُ يَوْمِ عَرَفَةَ، إِنِّيْ أَحْتَسِبُ عَلَى اللَّهِ أَنْ يُكَفِّرَ السَّنَةَ الَّتِيْ قَبْلَهُ وَالسَّنَةَ الَّتِيْ بَعْدَه".
(جامع الترمذي, رقم الحديث 749, وصحيح مسلم, جزء من رقم الحديث 196- (1162), واللفظ للترمذي, وقَالَ الإمام الترمذي عن هذا الحديث: بأنه حديث حسن, وصححه الألباني ).
Sadarkaa soomana guyyaa arafaa.
15-abbaan qataadaa r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "soomanni guyyaa arafaa badiilee waggaa isa duraatiifi tan isa boodaa akka Rabbiin isaan naaf araaramu nin abdadhaa" jedhe. tirmizii 749   muslim1961162 lafziin kan tirmiziiti.
 tirmiziin hasan jedhe,  albaaniin sahiiha godhe.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Abuu qataadah binu ribiyyi al ansaariyyi hangafoota sahaabaa keessaa tokkoodha. Duula hundarratti hirmaatee jira. Yeroo karaa deeman Wardiyyaa nabiiti ture.
Yeroo tokko umar fursiin loluuf waraanaan wajji isa ergee lola sanirratti hirmaatee ture. Mooticha fursiitis harka isaatiin ajjeese. yeroo fii bakka itti due keessatti waldhabbiin warra seenaa himuu jirattullee. Garuu akka jedhametti kuufatti bara hijraa 38 du'ee.  aliyyi irratti salaate jechaatu jira. Warri madiinatti bara hijraa 54 due jedhanis nijiru.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-soomanni guyyaa arafaa nama hajjitti hinjirreef barbaachisaa tahuu.
2-badiileen hadiisa kana keessatti ni'araaramamti jedhamte xixiqqoodha, ammo badiin gurguddoon towbaa dhugaadhaafi seera isii guututti haajamti.
3-toltuu hojjatuun waan sadarkaa namaa Rabbi biratti ol namaa fuudhurraayi.

 

يُكْرَهُ إفراد يوم الجمعة بالصوم
16- عَنْ أَبِيْ هُرَيْرَةَ t قَالَ: سَمِعْتُ النَّبِيَّ r، يَقُولُ: "لاَ يَصُوْمُ أَحَدُكُمْ يَوْمَ الْجُمُعَةِ, إلاَّ يَوْما قَبْلَهُ, أَوْ بَعْدَهُ" .
(صحيح البخاري, رقم الحديث 1985, وصحيح مسلم, رقم الحديث  147- (1144), واللفظ للبخاري).
Guyyaa jum'ah qofa kophaa soomanuun dhoowwaadha.
16-abbaa hureyraa r.a.irraa odeeffamee nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "tokkoon keessan guyyaa jum'aah qofa kophaa akka hinsoomannee yoo guyyaa isa duraatii fii isa boodaatiin wajji tahe malee.
" bukhaarii 1985,  muslim 147/1144  lafziin kan bukhariiti.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Seenaan sahaabdichaa hadiisa kana odeesee hadiisa  lakkoofsa 13tti dabree jiraa.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-guyyaa jum'aah qofa soomanuun jibbamaadha yoo soomana dur aadaa godhatee soomanuun walitti dhufe malee.
2-guyyaa jum'aah guyyaa ibaadaa kan zikrii kan rizqii halaal barbaaddatan waan taheef isa kophaa baasanii soomanuun jibbamaadha.
Rabbiin s.w. akki jedhe " yeroo salaanni raawwatamte dachii keessa faca'aa hiree Rabbiirraa barbaaddadhaa" suuratul jum'ah 10

 


دَعَوَاتٌ مُسْتَجَابَاتٌ
17- عَنْ أَبيْ هُرَيْرَةَ t, قَالَ: قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r: "ثَلاثُ دَعَوَاتٍ مُسْتَجَابَاتٌ لاَ شَكَّ فِيْهِنَّ : دَعْوَةُ الْمَظْلُوْمِ, وَدَعْوَةُ الْمُسَافِرِ, وَدَعْوَةُ الْوَالِدِ عَلَى وَلَدِهِ ".
(جامع الترمذي, رقم الحديث 1905, وسنن أبي داود, رقم الحديث 1536,  وسنن ابن ماجه, رقم الحديث 3862, واللفظ للترمذي, قَالَ الإمام الترمذي: هذا حديث حسن, وحسنه الألباني).
Kadhaawwan qeebalamtuu.
17-Abbaa hureyraa r.a. irraa odeeffame nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "kadhaan sadi qeebalamtuudha   qabdu. Kadhaa nama karaa deemuu, kadhaa nama roorrifamee, kadhaa abbaan ilmoo isaarratti kadhatu" timizii 1905 abiidaawud 1536 ibnumaajah 3862 timizii fii albaaniin hasan jedhaniin.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Eenyummaan anma hadiisa odeessee hadiisa lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-kadhaan nama roorrifamee qeebalamtuudha.
2-kadhaan nama karaa deemuu qeebalamtuu waan taateef keyrii heddummeesse Rabbi kadhachuun barbaachisaadha.
3-kadhaan abbaan ilmoo godhuufii abaarsi inni abaarus niqeebalama waan taheef uf eeggachuu barbaachisa. Joollee eebbisuu malee abaaruun dhoowwaadha.

 


التحذير من الغلو في تَعْظِيم النبي r
18- عَنْ أَبيْ هُرَيْرَةَ t قَالَ: قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r: "لاَ تَجْعَلُوْا بُيُوْتَكُمْ قُبُوْرًا, وَلاَ تَجْعَلُوْا قَبْرِيْ عِيْدًا، وَصَلُّوْا عَلَيَّ؛ فَإِنَّ صَلاَتَكُمْ تَبْلُغُنِيْ حَيْثُ كُنْتُمْ".
(سنن أبي داود, رقم الحديث 2042, وصححه الألباني).
Nabiin s.a.w. kabajuu keessatti daangaa dabruun dhoowwaadha.
18-abbaan hureyraa r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "manneen keessan qabroota hingodhatinaa. qabrii tiyya ayyaaneeffannaa (iida) hingodhinaa. Salaata (rahmata) narratti buusaa salaanni (rahmanni) teessan bakkuma jirtanirraa natti geessii" abiidaawud 2042  albaaniin sahiiha jedheen.
Namni  hadiisa kana odeesse.    
Sahaabdichi hadiisa kana odeesse seenaan isaa lakkoofsa 13tti  himamee dabree jira.


Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-mana keeysatti salaatuu, zikrii Rabbi godhuu, qur'aana qarauu barbaachisa.  akka manni keenya qabrii hinfakkaanne.
2-qabrii nabii keenyaarratti walgayanii ayyaaneffachuun akka iidaa godhachuun dhowwaadha.
3-qabrii  takkalleewu ziyaaruuf karaa dheeraa fe'atanii deemuun hinhayyamamu.
4-namni hundi nabii keenya jaalachuu nagayaaf rahmata irratti buusuu heddummeessuu barbaachisa.

 

التحذير من التصوير
19- عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بن مسعود t قَالَ: سَمِعْتُ النَّبِيَّ r يَقُوْلُ: "إنَّ أشدَّ النَّاسِ عَذَابًا عِنْدَ اللهِ  يَوْمَ الْقِيَامَةِ: اَلْمُصَوِّرُوْنَ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 5950, وصحيح مسلم, رقم الحديث 98 - (2109), واللفظ للبخاري).
Suuraa kaasuun dhoowwaadha.
19- abdallaah ibnu mas'uud r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "namni guyyaa qiyaamaa Rabbi biratti azaabni isaanii haalaan jabaatu warra suuraa kaasu." Bukhaarii 5950,  muslim 98/2109,  lafziin tan bukhaariiti.
 Namni  hadiisa kana odeesse.
Sahaabdichi hadiisa kana odeesse seenaan isaa hadiisa sadaffaarratti ibsamee jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-islaamummaa keessatti waan lubbuu qabu fakkii kaasuun dhoowwadha.
2-waantoota lubbu qabeeyyi suuraa kaasuun uumaa Rabbiitti fakkeeysuufi gama suuraa gabbaruutti waan nama geessuuf dhoowwaadha.
3- namni taabotaafii suuraa gabbaru nikafara azaaba guddaa seena.
من أسباب دخول الجنة
20- عَنْ أَبِيْ أُمَامَةَ الْبَاهِلِيِّ t, يَقُوْلُ: سَمِعْتُ رَسُوْلَ اللهِ r يَخْطُبُ فِيْ حَجَّةِ الْوَدَاعِ؛ فَقَالَ: "اتَّقُوْا اللهَ رَبَّكُمْ, وَصَلُّوْا خَمْسَكُمْ, وَصُوْمُوْا شَهْرَكُمْ, وَأَدُّوْا زَكَاةَ أَمْوَالِكُمْ, وَأَطِيعُوْا ذَا أَمْرِكُمْ، تَدْخُلُوْا جَنَّةَ رَبِّكُمْ".
(جامع الترمذي, رقم الحديث 616, قَالَ الإمام الترمذي عن هذا الحديث: بأنه حسن صحيح, وصححه الألباني).
Sababii ittiin jannata seenan keessaa.
20-Abbaan umaamah bahiliyyii n r.a. nabiin s.a.w. yeroo kuxbaa hajji dhaammannaa godhe akkana  jedhe, " Rabbii keessan sodaadhaa, shanan keessan salaataa, ji'a keessan soomanaa, zakaa qabeenya keessanii kafalaa, angaawaa keessan kan muslimaa kan seera Rabbiitiin isin bulchu  tole jedhaa, jannata Rabbi keessanii niseentanii" timizii 616,  tirmiziifi albaaniin sahiiha godhan.
Namni  hadiisa kana odeessee.
Abbaa umaamaa sudayyi ibnu ajlaan binu wahbi albaahiliyyi sahaabaa kabajamaa adduniyarraa dantaa hinqabneedha. Nama haalaan jihaada godhuu jaalatu ture. Duula hunda nabiin wajji duule. Lola badrii qofarraa hafe sababaa haadha isaa dullattii dadhabduu kaddamuudhaaf jecha nabiin hayyameefi. Khulafaa'otaan wajjis duule. Biyya shaam jiraatuu ture. Waggaa 81 hijraatti Ganda himmisitti due.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-waan ittiin jannata Rabbii seenan keessa soda Rabbii (taqwaa) salaata fardiiwwanii salaatuu, baatii ramadaanaa soomanuu, zakaa kennuufii kkf.
2-soda Rabbii jechuun isa eeggachuudha, isa jaalachuufi isa kabajuudha, akkasuma waan inni dwwerraa dhoowwamuudha.
3-angaawota muslimaa, imaamman, ajajootaa sadarkaa adda addaa tole jechuun dirqama. Garuu sharxii isaan ajaj Rabbi irratti jiraatanii Seera Rabbiitiin ummata hoogganan qofan taha. Yoo karaa Rabbii irraa maqan waan isaan ajajan diduu barbaachisa.

الإسلام يُحَذِّرُ من الفواحش
21- عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ مَسْعُوْدٍ t  قَالَ:  قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r:  لَيْسَ أَحَدٌ أَحَبَّ إِلَيْهِ الْمَدْحُ مِنَ اللهِ، مِنْ أَجْلِ ذَلِكَ مَدَحَ نَفْسَهُ، وَلَيْسَ أَحَدٌ أَغْيَرَ مِنْ اللهِ، مِنْ أَجْلِ ذَلِكَ حَرَّمَ الْفَوَاحِشَ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 32- (2760), وصحيح البخاري, رقم الحديث 5220, واللفظ لمسلم).
Diin islaamaa baalagummarraa nama dhoowwa.
21-abdallaah ibnu mas'uud r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe " tokkolleen ka akka Rabbiitti faarfamuu jaalatu hinjiru, kanaaf ufumaa uf faarse. Ka akka Rabbiitti hinaafu hinjiru kanaaf sagaggaalummaa haraam (dhoowwaa) godhe." Muslim 32/2760,  bukhari 5220,  lafziin kamuslimi.

Namni  hadiisa kana odeesse.
Sahaabdichi hadiisa kana odeesse seenaan isaa hadiisa sadaffaarratti ibsamee jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-Rabbiin s.w. faarfamuu jaalata. Tanaaf jecha namni hundi Rabbi faarsuu barbaachisa.
2- Rabbiin yoo isa faarsan galata guddaa namaaf kataba. Faaruun teenya isaaf hoomaa hinfayyaddu. Garuu nuti sawaaba itti arganneeti bu'aa guddaa irraa arganna.
3-kan Rabbirra hinaafu hinjiru ./ kana jechuun Rabbiin badii hunda hojjatamuu nijibba jechuudha.
4- namoota diin keessatti sadarkaa qaban akka namni sadarkaa isaanii beekee jala deemee irraa faayyadamuuf yoo gaarii isaanii dubbatan hamtuu hinqabu.
5-ammoo gama kaaniin nama sadarkaa hinqabne dhaaduun, nama waan inni hinqabneen kijibaan dhaaduun dhowwaadha. Wallaalaan daran jallina eda'ata waan taheef. Kanarrattis nabiin s.a.w. akki jedhe "yeroo warra nama faarsu gartan biyyee fuula isaaniitti facaasaa." Muslimtu odeesse.
Akkuma himamee dabretti namni soda Rabbiitiifi sadarkaa ilmii islaamaa qabu yoo isa biratti isa faarsites homaa rakkoo hinqabu.
تحريم خِطْبَةِ المسلم على خِطْبَةِ أخيه المسلم
22- عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ عُمَرَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا عَنِ النَّبيِّ r قَالَ: "لاَ يَبِعْ بَعْضُكُمْ عَلَى بَيْعِ بَعْضٍ, وَلاَ يَخْطُبْ بَعْضُكُمْ عَلَى خِطْبَةِ بَعْضٍ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 49 -(1412), ), وصحيح البخاري, رقم الحديث 5142, واللفظ لمسلم).
Muslimni qaadhimannaa obboleessa isaa kan muslimaa irraan qaadhimatuun haraami dhoowwaadha.
22-Abdallah ilma umar r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe. gariinkeessan gurgurtaa garii keessaniirraan hin gurgurin, akkasuma gariin keessan qaadhimatiinsa garii keessaniirraan hinqaadhimatin" muslim 49/1412,  bukhaarii 5142


Namni  hadiisa kana odeesse.  
  Namni hadiisa kana odeesse abdallah ilma umar ilma khaxxab. Isaa joollee xiqqaati abbaa isaatiin wajji islaamawe. Eegasii abbaa isaa dura madiinatti godaane. Lolli dura inni dhaqe lola khandaqaati, duula sanbooda hunda nabiin wajji hirmaatee jira. Akkasuma injifannoole muslimtootaa gurguddoo hedduu itti hirmaatee jira. Tan akka duula masrii, sham, basraa, iraaq fi faaris hirmaatee jira. Goota haqa mul'isurraa hinsodaanne. Warreen sahaabaa keessaa ilmii qaban jedhamanirraa lakkaawama. Hadiisni nni odeesse 2630. Soda Rabbiitii fi ibaadaadhaan beekama. Wagga hijraa 73 makkatti du'e isaa umriin isaa waggaa 86 gaye.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-obboleessa muslimaa gubbarraan bituufii gurguruunis dhowwadha.
2-qaadhimannaa obboleessa muslimaa gubbarraan qaadhimaachuunis dhoowwaadha, keeysaawuu yoo jalaa qeebalamte.
3- islaamummaan hawaasaa isaa akka waljaalatu akkaa walqabatu akka tokko tahuu godha.
إن الله يحب العبد التَّقيَّ
23- عَنْ سَعْدِ بْنِ أَبِيْ وَقَّاصٍ t, قَالَ: سَمِعْتُ رَسُوْلَ اللهِ r يَقُوْلُ: "إنَّ اللهَ يُحِبُّ الْعَبْدَ التَّقِيَّ، الْغَنِيَّ، الْخَفِيَّ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 11- (2965),).
Rabbiin gabricha isa sodaataa tahe jaalata.
23-sa'ad ilma abiiwaqqaas r.a. nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan jedhe "Rabbiin gabricha sodaataa, dureeysa, dhokataa jaalata." Muslimtu odeesse 11/2965
Namni  hadiisa kana odeesse.
Namni  hadiisa kana odeesse abbaa is'haaq sa'ad ibnu abii waqqaas az-zuhrii al-qureyshii kantahe. Sahaabaa beekamaadha. Hijraa dura waggaa 23tti makkatti dhalate, achumatti gauddate, warra dura islaamayerraayi. Warreen 10n jannataan gammachiifaman keessaa tokkoodha. Warreen marii jahan umar r.a. Akka isaan keessa bakka bu'aa isaa godhtanii biyya bulchuuf  jecha file keessaa tokko.
Eegasii madiinatti godaane. Duula badriitiif  kanneen san boodaa hunda irratti hirmaatee jira. Inni ilmaan adeera haadha nabii keessaa tokko. Kanaaf nabiin keenya s.a.w eysuma kiyya jeedhee isa yaamuu ture.   Goota fardaan lolu beekamaadha ture. Warreen nabiin amiira godherraayi. Zamana abuubakriitii fi zamana umar ijjannoo gootummaatiin beekama. Zamana mootummaa umariifii usmaan amiira kuufaa tahee bulche. Biyya faarisiifi iraaqitti hooggana waraana muslimaa tahuudhaan duulchise. Lola qaadisiyyaatti kan fursiin injifatee hoogganaan isa ture. Madaainis kan bane isa. Nama du'aaiin isaa qeebalamtuudhaati. Yeroo fitnaadha ummataa fi siyaasa dhiisee kophaa bahee Rabbi gabbaruu ture. Hadiisoowwan isaa 270.
Bara Hijraa waggaa 55 ganda aqiiq jedhamu kan madiinarraa meyli 7 fagaatutti du'e. madiinatti baatamee amiirri yeroo sanii marwaan binu hakam irratti salaate. Baqii'itti awwaalame. Muhaajirtoota keessaa kan booda du'e isa.

 

 

 

Barnoota hadiisa kanarra argannu
1-jireenyi hawaasummaadha nama hundaaf barbaachisaadha. Namni ummata isaatiin walitti makamee jiraachuu barbaachisa.
2-ammoo yoo ummataan walitti makamuun jiruu tana keessatti kan gama Rabbitti dilaawuu nama geessu tahe ummatarraa achi bahanii kophaa jiraatuutu fayyada.
3-firummaa maxxansuun hundee ijjannoo muslimtootaa kessaa beekamtuu takka.  
4-hiikkaan hadiisa kana Rabbiin gabricha isa sodaatu jaalata, soodaa isaa jechuun ammo waan inni ajaje hojjatanii waan inni dhoowwerraa dhoowwamuudha.

 

من فضائل سورة الملك
24- عَنْ أَبيْ هُرَيْرَةَ t, عَنِ النَّبِيِّ r قَالَ: "إِنَّ سُوْرَةً فِي الْقُرْآنِ ثَلاَثُوْنَ آيَةً, شَفَعَتْ لِصَاحِبِهَا؛ حَتَّى غُفِرَ لَهُ, ﭽﭑ  ﭒ  ﭓ     ﭔ ﭼ  ( سورة  الملك: ١).
(سنن ابن ماجه, رقم الحديث 3786, و سنن أبي داود, رقم الحديث 1400, وجامع الترمذي, رقم الحديث 2891, واللفظ لابن ماجه, قَالَ الإمام الترمذي عن هذا الحديث: بأنه حديث حسن, وصححه الألباني).
Sadarkaa suuraa mulkii (tabaarakaa)
24-abbaan hureeyraa r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe " suuraa qur'aanaa takkaatu jira aayanni isii soddoma, nama isii qara'eef nishafaati (nimagantooyti) isiin tabaarakallazii biyadihilmulku…"  ibnumaajah 3786,  abiidaawud 1400,  tirmizii 2891,  tirmiziin hasan jedhe. Albaaniin sahiiha jedhe.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Seenaan isaa hadiisa 13tti dubbatamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-hadiisni kuni sadarkaa suuraan mulkii qabdu ibsa.
2-suuraan tuni guyyaa qiyaamaa kan shafaa'aa taatu nama tolchee isii qara'ee itti hojjatee jala deemeefi.
3-hadiisni kun suuraa tana qarauu fii barachuun akkasuma itti hojjachuun barbaachisaa tahuudha ibsa.
 وجوب العناية بالصلاة
25- عَنْ بُرَيْدَةِ بْنِ الحُصَيْبِ الْأَسْلَمِيِّ t, قَالَ:  قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r:  "اَلْعَهْدُ الَّذِيِ بَيْنَنَا وَبَيْنَهُمْ: اَلصَّلاَةُ؛ فَمَنْ تَرَكَهَا؛ فَقَدْ كَفَرَ".
(جامع الترمذي, رقم الحديث 2621, وسنن ابن ماجه, رقم الحديث 1079, قال الإمام الترمذي عن هذا الحديث: بأنه حسن صحيح غريب, وصححه الألباني).
salaata jabeessuu.
25-bureydaa ibnu huseybi al-aslamii r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe " beellamni nuufii isaan jidduu jiru salaata, namni isii dhiise kafare." Tirmizii2621, ibnu maajah 1079, timiziin sahiiha,hasan, gariiba jedhe. Albaaniin sahiiha jedhe.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Inni bureydaa ibnu huseyb al-aslamiyyii r.a. islaamawuun isaa yeroo nabiin hijraaf gara madiinaa deeman ture. Nabiin s.a.w. osoo deemuu irra dhufe isaafii nama ganda isaarraa namni 80 wajjii taa'uu turan. hundi isaaniituu islaamawan.
Nabiin s.a.w. salaataa ishaa'ii isaaniin salaate. Hadiisni inni odeesse 177.
Bureydaan ganduma isaati jiraachuu ture. Lola uhud booda gama madiinaatti godaane. Nabiin biratti gale. Lola san boodaa hundarratti hirmaatee jira. Gama boodaa basratti galee achitti mana jaarate. eegasii achirraa duulaaf gama karaasaan bobba'e. bakka marwi jedhamtu taauu ture hanga achumatti du'ee achumatti awwaalame. Duuti isaa bara hijraa 62 yeeroo mootummaa yaziid ilma mu'aawiyaati ture.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-salaanni waan muslimtootaa fii kaafira adda baasuu tahuu isii.
2-salaata laaffisuun haaluma tokkottillee akka hintaane.
3-salaanni utubaa islaamaati yoo isii dhiisan islaamummaan nibaddi.

الإسلام دين السماحة
26- عَنْ مُعَاذٍ t قَالَ: خَرَجْنَا مَعَ رَسُوْلِ اللهِ r فِيْ غَزْوَةِ تَبُوْكَ؛ فَكَانَ يُصَلِّي َالظُّهْرَ وَالْعَصْرَ جَمِيْعًا, وَالْمَغْرِبَ وَالْعِشَاءَ جَمِيْعًا .
(صحيح مسلم, رقم الحديث 52- (706),).
Islaamummaan diin laaffisiinsaati.
26-mu'aaz r.a. irraa odeeffamee nabiin s.a.w. wajji duula tabuukitti bane.  zuhriif asrii walitti qabee nuun salaatu ture. Magriibaa fii ishaais akkasumatti walitti qabee (jam'ii godhee nuun salaatuu) ture.." Muslim 52/706
Namni  hadiisa kana odeesse.
Abuu abdurrahmaan- Muaaz ibnu jabal ibnu amri ibnu owsi al'ansaariyyi alkhazrajiyyi jedhama. Sahaabaa beekamaadha.waggaa umrii 18 tti islaamaye. Waligaltee Aqabaa irratti hirmaate. Duula Badriitis dhufe. Duula hundaawu dhaqe. Inni sahaabaa keessaa kan halaaliifii haraam qajeellotti beekuudha. Hadiisni isaa 157. Nabiin bulchaa godina yaman godheeti isa erge. Achi turee Eega nabiin du'anii deebie. Eegasii biyya shaamitti gale achuma ture, bara hijraa 18tti isaa umriin isaa 34 achumatti du'e.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-hadiisni kun salaata lameen zuhriifii asrii akkasuma magriibaafii ishaa'ii yeroo tokkoo isaan lameeniitti walitti qabuun akka dandayamu ibsa.
2-diin islaamaa diin laaffisiinsaati tanaaf salaata walitti qabuu mijjeesse.
3-hadiisni kuni aayata qur'aanaa kan salaanni muimintootarratti dirqama yeroodhaan murtaaye tahe" jettuun walhindhabu. Kan hadiisaa Kuni yeroo karaa deemaniifii yeroo haajaa murtaayeeti baanti.

 

غاية الحياة البشرية: نيل رِضَا اللَّهِ
27- عَنْ عَائِشَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا, قَالَتْ: سَمِعْتُ رَسُوْلَ اللَّهِ r يَقُوْلُ: "مَنِ الْتَمَسَ رِضَا اللَّهِ بِسَخَطِ النَّاسِ كَفَاهُ اللَّهُ مُؤْنَةَ النَّاسِ، وَمَنِ الْتَمَسَ رِضَا النَّاسِ بِسَخَطِ اللَّهِ؛ وَكَلَهُ اللَّهُ إِلَى النَّاسِ".
(جامع الترمذي, رقم الحديث 2414, سكت  الإمام الترمذي هنا ولم يقل عن هذا الحديث شيئا, وصححه الألباني
Hoongi jiruu ilma namaa jaalala Rabbii argachuudha.
Aayyoo aaishaan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jette."namni nama dallansiisee jaalala Rabbii barbaade Rabbiin gargaarsa namaarraa isaaf gaya, ammo nama Rabbi dallansiisee jaalala namaa barbaade Rabbiin namarratti isa dhiisa ". tirmizii 2414, albaaniin sahiiha jedheen.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Nama hadiisa kana odeesse seenaa isaa hadiisa lakkofsa shanitti dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-ajaja namaa dhiisanii ajaja Rabbii raawwachuun dirqama.
2-karaan ittiin jaalala Rabbii argatan kan ittiin isatti dhihaatan ajaja isaa rawwaachuufi waan dhoowwerraa fagaachuu qofaani.
3-namni Rabbi soodaachuu dhabee Rabbitti dilaawuu keessatti ajaj ilma nama godhe Rabbiin isa xiqqeessa, kabajaa isarraa fuudha.
الإسلام دين التعامل بالأساليب الحسنة
28- عَنْ أَبيْ ذر t قَالَ: قَالَ لِيْ رَسُوْلُ اللهِ r: "اتَّقِ اللهَ حَيْثُمَا كُنْتَ, وَأَتْبِعِ السَّيِّئَةَ الحَسَنَةَ؛ تَمْحُهَا, وَخَالِقِ النَّاسَ بِخُلُقٍ حَسَنٍ".
(جامع الترمذي, رقم الحديث 1987, قال الإمام الترمذي عن هذا الحديث بأنه:  حسن صحيح, وحسنه الألباني).

Islaamummaan akka namni karaa gaariin wajji jiraatuu ajaja.
28-abbaan zarrii r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "eessalee jiraattu Rabbi sodaadhu, hamtuu toltuudhaan hordofsiisi isii sirraa hayxii, haala gaariin namaan wajji tahi." Timizii 1987,  tirmiziin hasanii sahiiha jedhe, albaaniin sahiiha godhe.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hadiisa lakkoofsa 10tti dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu
1-sodaa Rabbii jechuun ajaja isaa rawwachuudhaan waan inni dhoowwerraa dhoowwamuudha.
2-haalaa amalli gaariin barbaachisaadha. Kana jechuun kanneen akka obsaa, namatti toluu, dhugaa qabachuu fii kkf.
3-Rabbiin rahmata isaatiin yoo toltuu hojjatan hamtuu namarraa haqee dhiifama namaa godha.
4-islaamummaan waahunda keessatti namni akka walkabajee haala gaariin wajji jiraatu ajajee jira.

 


دعاء الركوع والسجود
29- عَنْ عَائِشَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا قَالَتْ: كَانَ النَّبِيُّ r يَقُوْلُ فِيْ رُكُوْعِهِ وَسُجُوْدِهِ: "سُبْحَانَكَ اَللَّهُمَّ رَبَّنَا وَبِحَمْدِكَ، اَللَّهُمَّ اغْفِرْ لِيْ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 794, وصحيح مسلم, رقم الحديث 217 - (484), واللفظ للبخاري).
Du'aaii rukuu'aa fii sujuuda keessatti godhamu.
29- Aayyoo Aa'ishaan r.a. nabiin s.a.w. rukuu'aa fii sujuuda keessatti akkana jedhan jette." Subhaanaka allaahumma Rabbanaa wabihamdika allaahummagfirlii" hiikkaan "yaa Rabbii keenyaa galata kee waliiniin siqulqulleessa, yaa Rabbi naaf araarami". Bukhaarii 794 muslim217/4848 lafziin kan bukhaariiti.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 5tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-zikrii fii du'aa'ii tana rukuu'aafii sujuuda keessatti qara'uun barbaachisaadha.
2-tasbiihaafi tahmiidaan rabbi faarsuun sujuudaafi rukuua keessatti karaa godhamee jira.
3-kanneen males du'aa'iifii zikriin biro kan rukuu'aafii sujuudaa keessatti dhufan nijiru.
مكانة المساجد وفضل من قصدها لعمارتها بالعبادة لله
30- عَنْ أَبيْ هُرَيْرَةَ t, عَنِ النَّبيِّ r قَالَ: "مَنْ غَدَا إِلَى الْمَسْجِدِ وَرَاحَ، أَعَدَّ اللهُ لَهُ نُزُلَهُ مِنَ الْجَنَّةِ، كُلَّمَا غَدَا أَوْ رَاحَ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 662, وصحيح مسلم, رقم الحديث 285- (669), واللفظ للبخاري).
Sadarkaa masgiinni qabuufii warreen masgiidaa qaban.
30-abbaa hureyraa r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "namni masgiidatti ganamee, waaree boodas masgiidatti deeme. Rabbiin jannata keessatti bakka qubatu isaa qopheessa. hanguma inni ganamaaf galgala masgiidatti deemeen." Bukhaarii662,  muslim 285/669,  lafziin kan bukhaariiti.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hadiisa 13tti dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-masgiinni sadarkaa guddoo qabaachuu
isaa , namni ibaadaaf gama isaadhaa deddeebi'us galata guddaa akka Rabbirraa qabu.
2-jannatni uumamatee     jiraachuu isii qananii goddoon tan guutamte tahuu isiidhaa.
3-masgiida jaaruufii, qulqulleessuun barbaachiisaa tahuu isaa.
4-ganamaa galgala ibaadaadhaaf gara masjiidaa deddeebi'uun barbaachisaa tahuu isaa.
فضل التيسير في البيع والشراء
31- عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ t قَالَ: قَالَ رَسُوْلُ اللَّهِ r: "مَنْ أَقَالَ مُسْلِمًا؛ أَقَالَهُ اللَّهُ عَثْرَتَهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ".
(سنن ابن ماجه, رقم الحديث 2199, وسنن أبي داود, رقم الحديث 3460, واللفظ لابن ماجه, وصححه الألباني).
Sadarkaa bittaa fii gurgurtaa keessatti waliif laaffisuu.
31-abbaan hureyraa r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "namni muslimarraa laaffise Rabbiin guyyaa qiyaamaa dogoggora isaa dhiifama godheefii irraa laaffisa". Ibnu maajah 2199,  abiidaawud 3460,  lafziin kan ibnu maajah. Albaaniin sahiiha jedheen.

Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-namni walii laaffise jechuun eega walirraa bitee gurgure yoo gaabbuu fedhe waliif tole jedhee walirraa deeffachuudha.
2-walii laaffisuun kuni walirratti tola ooluu fii walgargaaruudha waan taheef waan jaalatamaadha.
3-bifti waliif laaffisuu kuni akkuma ibsametti yoo namni waa bitate tokko gaabbee sheenawe rakkoo maallaqaatiif tahuu, meeshaan fokkattuu taatuu, waan birootiif tahuu, yooiinni deebisuu fedhe irraa deebisuudha.
4-laaffisiinsi bifa himamee kuni tola oolinsa namni gurguru nama bitaterratti oolu jechuudha. Yoo kan gurgure laafeefii deebisaa isaa irraa qeebale malee hintahu waan taheef.

الحث على الوفاء بالحقوق كاملةً وراجحةً
32- عَنْ جَابِرِ بْنِ عَبْدِ اللَّهِ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا قَالَ:  قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r: "إِذَا وَزَنْتُمْ فَأَرْجِحُوْا".
(سنن ابن ماجه, رقم الحديث 2222, وصححه الألباني).
Haqa guutanii galchutti kakaasuu.
32-jaabir  r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe." Yogguu miizaantan caalchisaa guutaa" ibnu maajah 2222 , albaaniin sahiiha godhe.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Jaabir ibnu abdillaah al-ansaarii sahaabaa guddaadha. Halkan aqabaa abbaa isaatiin wajji nabiin ahdii godhee jira. Warra bey'aa ridwaanirraa tokkoodha. Jaabir r.a. warra hadiisa hedduu barsiisan keessaa tokko. Hadiisni inni odeesse 1540 dha. Waggaa hijraa 73 du'aan gama aakhiraa godaane.

 


Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-muslimni haqa namaa hin ciratu, nama gowwoomsee hinsaamu, haqa namaa niguutaaf.
2-muslimni nama haalaa amala gaarii kan nama hinmiine kan haqa namaa ufirraa eegu tahuutu barbaachisa.
3-salaabummaan dhoowwadha. Sun nama yogguu namarraa waa bitu guchisiifatee ziyaadaa barbaadu, kan yogguu namaaf gurguru ir'isee nama ciratu. Kun abaaramaa waan taheef irraa fagaachuu barbaachisa.

 


المسلمون كمثل البنيان الذي يمسك بعضه بعضا
33- عَنْ أبِيْ مُوْسَى t قَالَ: قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r: "اَلْمُؤْمِنُ لِلْمُؤْمِنِ كَالْبُنْياَنِ يَشُدُّ بَعْضُهُ بَعْضاً".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 2446, وصحيح مسلم, رقم الحديث 65 - (2585), واللفظ لمسلم).
Muslimtoonni waliif akka jaarmaya manaati.
33-abbaan musaa r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "muiminni muiminaaf akka jaarmaya manaati waljajjabeessa" bukhaarii 2446,  muslim 65\2585 lafziin kan muslimi.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Abii muusaa abdallaah ibnu qeysi ibnu suleymi al-ash'arii alyamaanii. yamanirraa Makka dhufee islaamayee yamanitti deebi'e. eegasii gara habashaa deeme. Eega injifannoo kheybarii booda madiinaa dhufe. Duula hundarratti hirmaatee jira. Nama haalaan sagalee bareedduu qabu yeroo qur'aana qara'u.
 Nama ibaadaa kan duniyarraa dantaa hinqabne.  beekaa diin ture. waggaa 40 hijraati kuufatti due.

Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-muslimni hundi obboleeyyaan tahuu barbaachisa. Waljaalachuu, waliif  rifachuu, garaa waliif laafuun barbaachisaadha.
2-muslimtoonni walqabachuufii walgargaaruu keessatti akka jaarmayaati.
3-muslimni adda babahuun, walqooduun, waljibbuufii walmuruun dhoowamaadha. Wanni barbaachisu walqabachuu, tokkoomuufi, walitti jaaramuudha.

 


إِنَّ السَّعِيدَ لَمَنْ جُنِّبَ الْفِتَنُ
34- عَنْ الْمِقْدَادِ بْنِ الْأَسْوَدِ t, قَالَ أَيْمُ اللهِ لَقَدْ سَمِعْتُ رَسُوْلَ اللهِ r يَقُوْلُ: "إِنَّ السَّعِيدَ لَمَنْ جُنِّبَ الْفِتَنَ, إِنَّ السَّعِيدَ لَمَنْ جُنِّبَ الْفِتَنُ, إِنَّ السَّعِيدَ لَمَنْ جُنِّبَ الْفِتَنُ, وَلَمَنْ ابْتُلِيَ؛ فَصَبَرَ فَوَاهًا".
(سنن أبي داود, رقم الحديث 4263, وصححه الألباني).
Nama mikaaye jechuun nama jeequmsarraa fageeffame.
34- Miqdaad ibnul aswad r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "namni milkaaye nama jeequmsarraa fageeffame, namni milkaaye nama jeequmsarraa fageeffame, namni milkaaye nama jeequmsarraa fageyfame. Akkasuma namni mokkoramee obse waa tolee." Abiidawud odeesse 4263,  albaaniin sahiiha godhe.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Miqdaad ibnu amrii miqdaad ibnu aswad alkandii jechuun beekama. Sahaabaa jabaadha. Nama haalaan nabitti dhihaatu. Dura nama fardaan loleeti. Nama yeroo duulaatis mirqaanaan hirmaatu. Lola badrii, uhud, khandaqiifi kanneen biro irratti hirmaatee jira. Hadiisni isaa 42. Miqdaad nama arjaa kennataadha ture. Hasaniifii huseenii dirhama kuma soddomii  jaha dhaameef. Haadha mu'imintootaa tokko tokkoo isaaniitiif kuma torba torba dhaameef. Miqdaad isaa umriin isaa waggaa 70 bara hijraa 33tti bakka juruf jedhamtu tan meeli sadi madiinarraa fagaattutti du'e. yeroo mootummaa usmaan binu affaani. Madiinatti geeyfamee usmaan irratti salaatee, achuma baqii'itti awwaalame.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-yoo soda isaa qabaatan Rabbiin nagaya nama godha. Hamtuu namarraa deebisa. Biyyas  jeequmsarraa nagaya namaaf godha.
2-amantiin islaamaa amantii nagayaati, tan tasgabbiiti, tanaaf shoorarkaafii waan nagaya booressu hundarraa dhoowwite.
3-yoo rakkoon shoorarkaa kaate namni obsaan Rabbi kadhachuu barbaachisa.
4-namni mokkorarratti oobse gaarii tahuu isaa.


دعاء كفارة المجلس
35- عَنْ أَبيْ هُرَيْرَةَ t, قَالَ: قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r: "مَنْ جَلَسَ فِيْ مَجْلِسٍ؛ فَكَثُرَ فِيْهِ لَغَطُهُ؛ فَقَالَ قَبْلَ أنْ يَقُوْمَ مِنْ مَجْلِسِهِ ذَلِكَ : سُبْحَانَكَ اللَّهُمّ وَبِحَمْدِكَ أَشْهَدُ أنْ لاَ إِلَهَ إِلاَّ أَنْتَ أَسْتَغْفِرُكَ وَأتُوْبُ إِلَيْكَ, إِلاَّ غُفِرَ لَهُ ماَ كَان َ فِيْ مَجْلِسِهِ ذَلِكَ".
(جامع الترمذي, رقم الحديث 3433, قال الإمام الترمذي عن هذا الحديث: بأنه حسن صحيح غريب, وصححه الألباني).
Kadhaa maartii teessumaa.
35-abii hureyraan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe."namni teessoo waciinsi itti baay'ate takka keessa taa'ee, osoo achii ol hinkain dura akkana jedhe (subhaanaka allaahumma wabihamdika ash hadu anlaailaaha illaa anta, astagfiruka wa'atuubu ileyka,) wannii teessoo isaa san keessatti tahe isaaf araaramame. Hiikkaan "yaarabbi sinqulqulleessa, singalatoomfadha, kan dhugaadhaan gabbaramu simalee akka hinjirre raga ninbaha, sin araarfadha gama keetin deebia.
Timizii odeesse 3433,  timiziin hasan, sahiih, gariib jedheen. Albaaniin sahiiha jedhe.

Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-yeroohunda muslimni Rabbi faarsuu zikrii godhuu qaba. Deemsaa, teessuma, walgayii, afeerrii, fi kkf hundatti zikrii Rabbii godhuun barbaachisaadha.
2-" Subhaanaka allaahumma wabihamdika ash'hadu anlaailaaha illaa anta astagfiruka wa atuubu ileyka"  kadhaan kun dogoggora teessoo keessatti taheef sababa araaramaati taha.
3- namni marti kadha kana hifzii godhee yeroo teessorraa ka'e ittiin Rabbi kadhachuu qaba.

 

من أحكام الميراث والورثة
36- عَنْ أُسَامَةَ بنِ زيدٍ رَضِيَ اللهُ عَنْهُمَا, أنَّ النَّبِيَّ r قَالَ:  "لاَ يَرِثُ الْمُسْلِمُ الْكَافِرَ, وَلاَ الْكَافِرُ الْمُسْلِمَ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 6764, وصحيح مسلم, رقم الحديث 1 - (1614), واللفظ للبخاري).
Seera dhaalmaya qabeenya nama du'ee.
36-usaamaa ibnu zeydii r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe. "kaafirri muslima hindhaalu, muslimnis kaafira hindhaalu." Bukhaarii 6764,  muslim1\1614,  lafziin kan bukhaariiti.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa kana kan odeesse usaamaa ilma zeydii ilma haarisaa jaalallee nabiiti. Abbaan isaa zeydi kaadima nabiiti. ogeessaa hayyuu namaati ture. Gootummatis haftee hinqabu. Tanaaf nabiin isumaa joollee kan umrii waggaa 20 hincaalin ajaj waraanaa godhee muude. Waraana sahaabonni gurguddoon keessa jiran. Garuu waraanni isaa kuni osoo gama kallattii isaa hinsossohin nabiin du'aan gama aakhiraa deeman. Sanboodas abuubakri waraanicha gaggeessan. usaamaaniifi waraanni isaa bobbahanii nagayaan bojuun galan. Hadiisni isaa 118. Usaamaan eega usmaan r.a. ajjeefamee rakkoo sahaabaa jeddutti uumamte irraa fagaatee ture. Eegasii ganda dimishqatti dhihaatu tokko jiraachuu ture. Eegasii madiinatti deebi'ee bakka jaraf jedhamtu ture, achumatti hijraa 61 isaa umriin isaa waggaa 54 du'aan gama akhiraa deeme. madiinatti awwaalame.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-seera islaamaa keessatti kaafirri islaam hindhaalu muslimnis kaafira hindhaalu.
2-gariin ulama'aa muslimni kaafiraa dhaaluu nidandaya garuu kaafirri muslima hindhaalu jedhan, kaafirris yoo osoo qabeenyi hinqoodamne dura islaamaye nidhaala jechaanis nijirti.
3-tolina seera islaamaa irraa waayee seera dhaalmayaa balinaan ibsee jira. Garuu amantiileen biroo seera kana hinqabdu.


إظْهَارُ خُضُوعِ الإنسان المسلم وافْتِقَارُه لله تعالى
37- عَنْ أَبيْ هُرَيْرَةَ t قَالَ: قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r:  "إِذَا تَشَهَّدَ أَحَدُكُمْ؛ فَلْيَسْتَعِذْ بِاللهِ مِنْ أَرْبَعٍ، يَقُوْلُ: اَللَّهُمَّ إِنِّيْ أَعُوْذُ بِكَ مِنْ عَذَابِ جَهَنَّمَ، وَمِنْ عَذَابِ الْقَبْرِ، وَمِنْ فِتْنَةِ الْمَحْيَا وَالْمَمَاتِ، وَمِنْ شَرِّ فِتْنَةِ الْمَسِيحِ الدَّجَّالِ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 128- (588), وصحيح البخاري, رقم الحديث 1377, واللفظ لمسلم).
Muslimni Rabbitti haajamaadha.
37-abbaan hureyraa r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe " tokkoon keysaan yeroo tashahuda qara'e waa afurirraa Rabbitti haa maganfatu akkana haa jedhuu (Allaahumma innii a'uuzu bika min azaabi jahannama, wamin azaabilqabri wa min fitnatil mahyaa walmamaat, wa min sharri fitnatil masiihiddajjaal). Hiikkaan -yaa Rabbi an azaaba jahannam irraan sitti maganfadha, azaaba qabrii irrallee, rakkoo jiruufii du'aarraallee, rakkoo hamtuu masiihiddajjal irrallee sittin maganfadha /siinin tiiyfama/." Muslim 128/588. bukharii 1377,  lafziin kan muslimi.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-namni waan afreen kanarraa maganfatuun isaa Rabbitti amanuu,  isa sodaachuufii,  isaaf ajajamuu isaati garsiisa.
2- salaata keessatti tashahuda boodaa eega attahiyyaatu qara'an booda kadhaa tana kadhachuun barbaachisaadha.
3- hadiisni kun rakkoo masiihuddajjal akka dhufaa jirtu itti amannee mirkaneessuu nu hubachiisa. Isiin irra hamtuu rakkoo dhuftuuti eega aadam uumamerraa kaasee hanga qiyaamaan taatutti.
4-kadhaa yaarabbi azaaba qabrii irran sitti maganfadha jettu tanaan yoggu kadhatan azaaba eega du'anirraa kaasee hanga qiyaamaan taatuutti jidduu tana jiru jechuudha.

أهمية النية وفضلها في الإسلام
38-  عَنْ جَابِرٍ t قَالَ: قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r: "يُحْشَرُ النَّاسُ عَلَى نِيَّاتِهِمْ".
(سنن ابن ماجه, رقم الحديث 4230, وصححه الألباني, وصحيح مسلم, جزء من رقم الحديث 83 - (2878), واللفظ لابن ماجه).
Sadarkaa niyyaan qabdu islaama keessatti.
38-jaabir  r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "ummanni niyyaa isaaniirratti kaafaman" ibnu maajah 4230,  albaaniin sahiiha jedheen, muslim 83\2878,  lafziin kan ibnu maajah.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 32tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-niyyaan ibaadaa keessatti barbaachisaadha. Niyyaan gaariin isiinuu  ibaadaadha.
2-niyyaa jechuun waan takka hojjachuudhaaf murteessanii itti ka'anii hojjatuudha. Yoo hojiin booda aane azmii yookaan murannoo jedhama.
3-niyyaa gaarii qulqulluu taate tana qur'aanni maqaa hedduun yaame. Kheyrii fedhuu, jaalala Rabbii barbaaduu, fuula Rabbi barbaadhuu fii kkf  yaame.
اَلْحثُّ عَلَى الدُّعَاء في اللَّيْل
39-عَنْ جَابِرٍ t, أَنَّ رَسُوْلَ اللهِ r قَالَ: "إِنَّ مِنَ اللَّيْلِ سَاعَةً، لاَ يُوَافِقُهَا عَبْدٌ مُسْلِمٌ، يَسْأَلُ اللهَ خَيْرًا، إِلاَّ أَعْطَاهُ إِيَّاهُ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 167 - (757 (

Halkan keessa Rabbi kadhachurratti nama kakaasuu.
39-jaabir r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "halkan keessa sa'aatu jira tan gabrichi muslimaa isii qunnamee kheyrii Rabbi kadhate Rabbiin isaa kennu malee hindhiisne." Muslim 167/757
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 32tti ibsamee dabree jira.


Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-sa'aa qeebaltii san argachuudhaaf jecha yeroo halkanii Rabbi kadhachuun barbaachisaadha.
2-akkuma saa'aan qeebalamiinsaa guyyaa jumaa keessatti dhokaattetti halkanoowwan hunda keessattis dhokattee jirti. kun akka gabroottan halkaniifii guyyas ibaadaa heeddummeessaniif jecha.
3-yeroo halkanii hunda isii Rabbi kadhachuun barbaachisaadha. Garuu dhuma halkaniittu irra caalaadha.
الصلاة من أعظم الأسباب الشرعية لدرء البلاء.
40- عَنْ حُذَيْفَةَ  قَالَ:  كَانَ النَّبيُّ r إِذَا حَزَبَهُ أَمْرٌ صَلَّى.
(سنن أبي داود, رقم الحديث 1319, وحسنه الألباني).
Salaanni balaa deebisaat.
40-huzeyfaan r.a. nabiin s.a.w  yeroo wayeen takka isa yaachiste nisalaata."jedhe. abuu dawuud 1319,  albaaniin sahiiha godhe.   
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hadiisa lakkoofsa 4tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-salaanni irra caaltuu waan nama karaa Rabbii irratti sabachiisaati. Kadhaa beekkamaadhaan isii keessatti kadhachuu barbaachisa. Qur'aanni kana mirkaneessee jira.
Rabbiin s.w. akkana jedhe
''Obsaafii salaataan gargaarsifadhaa, isiin warreen Rabbi sodaatanirratti malee ulfaattuudha.''  Suuraa baqaraa 45.
Ammas Rabbiin s.w.akkana jedhe "isin yaa warra Rabbitti amantan salaataafii obsaan gargaarsifadhaa, Rabbiin warra obsaatiin wajji tahee jira." Suuratul baqarah 153

 

اِسْتِحْبَاب لُبْس الْبَيَاضَ مِنَ الثِّيَاب وَتَكْفِينِ الْمَوْتَى بِهَا
41-عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ عَبَّاسٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا قَالَ:  قَالَ رَسُولُ اللَّهِ r: "اِلْبَسُوا مِنْ ثِيَابِكُمْ الْبَيَاضَ؛ فَإِنَّهَا مِنْ خَيْرِ ثِيَابِكُمْ, وَكَفِّنُوْا فِيْهَا مَوْتَاكُمْ".
(جامع الترمذي, رقم الحديث 994, وسنن أبي داود, رقم الحديث 3878, وسنن ابن ماجه, رقم الحديث 1472, وقال الإمام الترمذي عن هذا الحديث بأنه:  حسن صحيح, واللفظ للترمذي, وصححه الألباني).
Uffata adii uffachuufii nama du'e ittiin kafananii awwaaluun barbaachisaadha.
41- Abdallah ibnu abbaas r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe " uffata keessanirraa uffata adii uffadhaa, isiin caaltuu uffata keessaniiti. Du'aa keessanis isiin kafanaa awwaalaa." Tirmizii 994,  Abuudaawud 3878,  Ibnumaajah 1472,  Lafziin kan tirmiziiti. Tirmiziin hasanillee sahiihallee jedhe. Albaaniin sahiiha godhe.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Abul abbaas Abdallaah ibnu abbaas hangafoota sahaabaarraa tokko. Imaama tafsiiraati. Ilma adeera nabiiti. Hijraan dura waggaa sadihitti iddoo shaibi jedhamu kan banii haashim itti ari'amanii taa'uu turanitti dhalate. Joolummaa isaarraa nabitti maxxanee barnoota guddaa irraa bare. Hadiisni inni odeesse 1660 dha. Yeroo nabiin du'an joollee waggaa 13ti ture. Yeroo tokko aliyyi ibnu abii xaalib basraa irratti bulchaa isa godhee bulchaa ture. bara hijraa 68tti isaa umriin isaa waggaa 71 xaa'ifitti du'aan gama aakhiraadhaa godaane.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-uffata adii uffachuufi reeffa nama du'eetis isiin maranii awwaaluun barbaachisaadha.
2-wanni asitti murtaaye kuni dhiiraafii dubartiifis walumaan murtaaye. Wanni gargar baase waan kana keessatti hinjiru.

 

ما يستحب عليه الإفطار
42- عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ t، يَقُوْلُ:  كَانَ رَسُولُ اللهِ r: يُفْطِرُ عَلَى رُطَبَاتٍ قَبْلَ أَنْ يُصَلِّيَ؛ فَإِنْ لَمْ تَكُنْ رُطَبَاتٌ؛ فَعَلَى تَمَرَاتٍ؛ فَإِنْ لَمْ تَكُنْ؛ حَسَا حَسَوَاتٍ مِنْ مَاءٍ".
(سنن أبي داود, رقم الحديث 2356, وجامع الترمذي, رقم الحديث 696, قال الإمام الترمذي عن هذا الحديث بأنه:  حسن غريب, واللفظ لأبي داود, وحسنه الألباني وصححه).
Waan soomana irratti furuun gaariidhaa.
42-anas ibnu maalik r.a. akkana jedhe "nabiin s.a.w asheeta timiraarratti kan soomana furu tahe osoo magriiba hin salaanneen duratti. Yoo asheenni timiraa hinjiraatin timirarratti fura, yoo timirri hinjiraatin hammaarrii bishaanirraa taate hammaarrata."
Abuu daawua 2356,  Tirmizii 696,  timiziin hasan, gariib jedheen. lafziin kan abiidaawudi. albaaniin hasan sahiih jedheen.

Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 8tti ibsamee dabree jira.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-namni soomane tokko osoo magriiba hinsalaanne duratti soomana isaa furuu barbaachisa.
Akkasuma wanni soomana irratti furu
-asheeta timiraa (ruxaba).
-yoo hinargatin timira.
-yoo dhabame bishaan.
-yoo dhabame nyaataaf dhugaatirraa homa Rabbiin isaaf hire.
2-soomana jechuun namni osoo hinfajarre durarraa kaasee hanga galgala aduun seentutti nyaataaf dhugaatii qunnamtii saalaa irraa ufqabuudhaan ooluu jechuudha.

 

وجوب السجود على الأعضاء السبعة
43- عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ عَبَّاسٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ r:" أُمِرْتُ أَنْ أَسْجُدَ عَلَى سَبْعَةِ أَعْظُمٍ عَلَى الْجَبْهَةِ وَأَشَارَ بِيَدِهِ عَلَى أَنْفِهِ وَالْيَدَيْنِ وَالرُّكْبَتَيْنِ وَأَطْرَافِ الْقَدَمَيْنِ, وَلاَ نَكْفِتَ الثِّيَابَ وَالشَّعَرَ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 812, وصحيح مسلم, رقم الحديث 230- (490), واللفظ للبخاري).
Human qaamaa torbarratti sujuuda godhuun dirqama.
Abdullah ibnu abbaas r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "humna qaamaa torbarratti sujuudutti ajajamee jira. Isaanis adda \harkaan funyaanitti akeeke\,  harka lameen, jilba lameen, qubbeen miila lameeniiti. Akkasuma uffataafi rifeensa qabuu dhabutti ajajamne." Bukhaarii 812, muslim 230/490,  lafziin kan bukhaariiti.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 41 tti ibsamee dabree jira.

 

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-humna qaamaa torbarratti sujuuda godhuun barbaachisaadha. Sunis addaafii funyaan, harka lameen, jilba lameen, qubbeen miila lameeniiti.
2- namni tokko yeroo sujuudatti jiru yoo miila isaa tokko yookaa lameen lafarraa olfuudhe, yookaan qaama torban ittiin sujuudu kanarraa tokko lafarraa ol kaase salaanni isaa hinguutamu, nibada.
3- humna qaamaa torban kanarratti sujuuduun dirqama barbaachisaadha dhiiraafii dubartirrattis.  Addaafii funyaan walitti human takkatti laalama.
مُصَرِّفُ القلوب, هو: الله جل جلاله
44- عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عَمْرِو بْنِ الْعَاصِ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا يَقُوْلُ: إِنَّهُ سَمِعَ رَسُوْلَ اللهِ r يَقُوْلُ: "إنَّ قُلُوْبَ بَنِيْ آدمَ كُلَّهَا بَيْنَ إِصْبَعَيْنِ مِنْ أَصَابِعِ الرَّحْمَنِ كَقَلبٍ وَاحِدٍ, يَصْرِفُهُ حَيْثُ يَشَاءُ"، ثُمَّ قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r: "اللَّهُمَّ مُصَرِّفَ القُلُوْبِ صَرِّفْ قُلُوْبَنَا عَلَى طَاعَتِكَ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 17 - (2654),).
Onnee ilma namaa Rabbiitu garagaggalcha.
Abdullaah ibnu amri ibnul-aas r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe. "onneen ilmaan aadam hundi isii qubbeen Rahmaanirraa quba lama jiddutti jirti. Akka onnee takkaati, gara fedhe garagaggalcha," nabiin eegasii nijedhe " yaa ka onnee garagaggalchu onnee teenya qajeelloo teetirratti deebisi" muslim 17-2654
Namni  hadiisa kana odeesse.
Abdallah ibnu amri ibnul'aas alqurashiyyi assahmii. Sahaabaa beekamaadha. Abbaa isaa amri dura islaamaye. Hadiisni inni odeesse 700. Inni duula garii irratti nabiin wajji hirmaatee jira. Siyaasaa fii seera bulchiinsaatiin beekamaadha. Mu'aawiyaan yeroo tokko kuufarratti bulchaa isa godhee ture. Masgiida qisxaax masritti barsiisuufii fatwa godhuu ture.
Warri masrii fii shaam hedduun irraa baratanii turan. bara hijraa 65 achumatti due awwaalame.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-namni muslimaa hundi amantaa islaamaa irratti gadi dhaabbachuuf uf jajjabeessuu barbaachisa.
2-namni yoo Rabbi sodaate Rabbiin isa qajeelcha isa milkeessa. Qalbiin hundii harka Rabbiiti jirti waan taheef.
3- Rahmaan quba isaan malu tan akkanaan isii hinbeekamne niqabaa. Kana itti amanuun barbaachisaadha.
الدعاء في القعدة بين السجدتين
45- عَنْ حُذَيْفَةَ  أنَّ النَّبِيَّ r كَانَ يَقُوْلُ بَيْنَ السَّجْدَتَيْنِ: "رَبِّ اغْفِرْ لِي، رَبِّ اغْفِرْ لِي".
(سنن ابن ماجه, رقم الحديث 897, وسنن أبي داود, رقم الحديث 874 , وسنن النسائي, رقم الحديث 1145, واللفظ لابن ماجه, وصححه الألباني).
Teessuma sujuuda lameen jidduu irratti Rabbi kadhachuu.
45-huzeyfaan r.a. nabiin s.a.w. sujuuda lameen jiddutti akkana jedhan jedhe. " Rabbig firlii Rabbigfir lii" hikkaan yaa Rabbi naaf araarami yaa Rabbi naaf araarami. Jechuudha.
Ibnu maajah 897,  abuudaawud 874, nasa'ii 1145,  lafziin kan ibnu maajah, albaaniin sahiiha godhe.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hadiisa lakkoofsa 4tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-hadiisni kun wanni itti nuqajeelchu du'aa'iin himame kun bakka kanatti barbaachisaa tahuu isaati.
2-sujuuda lameen jiddutti kadhaan adda addaa nabirraa s.a.w dhufee jira. Garuu kanumarratti yoo gabaabbatanis nigaya.
الإسلام مصدر السعادة للبشر
46- عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ عَبَّاسٍ رضي الله عنهما قَالَ: كَانَ رَسُولُ اللهِ r يَقُوْلُ بَيْنَ السَّجْدَتَيْنِ فِيْ صَلاَةِ اللَّيْلِ: "رَبِّ اغْفِرْ لِي وَارْحَمْنِي وَاجْبُرْنِي وَارْزُقْنِي وَارْفَعْنِي".
(سنن ابن ماجه, رقم الحديث 898, وسنن أبي داود, رقم الحديث 850         وجامع الترمذي, رقم الحديث 284, واللفظ لابن ماجه, قَالَ الإمام الترمذي: هذا حديث غريب, وصحح الألباني  حديث ابن ماجه والترمذي).
Islaamummaan milkii ilma namaati.
46-Abdallaah ibnu abbaas-r.a. nabiin s.a.w. salaata halkanii keessatti sujuuda lameen jiddutti akkana jedhan jedhe. "Rabbigfirlii warhamnii wajburnii warzuqnii warfaini" hiikkaan \yaa Rabbii kiyya naaf araarami rahmata naaf godhi nagargaari rizqii naaf hiri olnafuudhi naguddisi,\. Ibnu maajah 898,  Abiidawud850, tirmizi 284, lafziin kan ibnu maajah. Tirmiziin gariib jedhe. Albaaniin sahiiha godhe.


Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 41 tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-du'aa'ii (kadhaa) guddoo tanaan Rabbi kadhachuun barbaachisaadha.
2-islaamummaan burqaa milkii ilma namaati, namni isa qabate nimilkaawa, kairraa gara gale nihoongawa.

 

 


أسس الإسلام الظاهرة والباطنة
47- عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ t قَالَ: كَانَ النَّبِيُّ r بَارِزًا يَوْمًا لِلنَّاسِ؛ فَأَتَاهُ جِبْرِيلُ عليه السلام؛
فَقَالَ: مَا الْإِيمَانُ؟ قَالَ: "الْإِيمَانُ: أَنْ تُؤْمِنَ بِاللَّهِ وَمَلَائِكَتِهِ وَكُتُبِهِ, وَبِلِقَائِهِ وَرُسُلِهِ, وَتُؤْمِنَ بِالْبَعْثِ"،
قَالَ: مَا الْإِسْلَامُ؟ قَالَ: "الْإِسْلَامُ: أَنْ تَعْبُدَ اللَّهَ وَلاَ تُشْرِكَ بِهِ, وَتُقِيمَ الصَّلَاةَ, وَتُؤَدِّيَ الزَّكَاةَ الْمَفْرُوضَةَ, وَتَصُومَ رَمَضَانَ،
قَالَ: مَا الْإِحْسَانُ؟قَالَ: "أَنْ تَعْبُدَ اللَّهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ؛ فَإِنَّهُ يَرَاكَ",
قَالَ: مَتَى السَّاعَةُ؟ قَالَ: "مَا الْمَسْئُولُ عَنْهَا بِأَعْلَمَ مِنَ السَّائِلِ، وَسَأُخْبِرُكَ عَنْ أَشْرَاطِهَا: إِذَا وَلَدَتِ الْأَمَةُ رَبَّهَا، وَإِذَا تَطَاوَلَ رُعَاةُ الْإِبِلِ الْبُهْمُ فِي الْبُنْيَانِ, فِي خَمْسٍ لاَ يَعْلَمُهُنَّ إِلاَّ اللَّهُ، ثُمَّ تَلا النَّبِيُّ r:   
ﭽ ﯫ  ﯬ  ﯭ    ﯮ  ﯯ   ﭼ   (لقمان: ٣٤)  الآية،
  ثُمَّ أَدْبَرَ، فَقَالَ: "رُدُّوهُ"؛ فَلَمْ يَرَوْا شَيْئًا؛ فَقَالَ: "هَذَا جِبْرِيلُ، جَاءَ يُعَلِّمُ النَّاسَ دِينَهُمْ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 50, وصحيح مسلم, رقم الحديث 1 - (9), واللفظ للبخاري).


Barnoota hundee islaamaafii iimaanaa
47-Abii hureyraan-r.a. nabiin s.a.w. guyyaa tokko osoo ummata keessa taauu jibriil itti dhufee,
iimaanni maali? Jennaan nabiin iimaanni Allaahatti amanuu keeti, malaaykaa Rabbiitti amanuu keeti, kitaaba isaatti amanuu keeti, qunnamtii isaatti amanu, ergamtoota isaatti amanuu, du'a booda kaafamiinsatti amanuu," jedheen.
Eegasii islaamummaan hoo maali? Jedheen. Nabiin s.a.w. " islaama jechuun Rabbi gabbartee isatti qindeessuu dhabuu keeti, salaata dhaabuu, zakaa dirqamaa kennuu, soomana ramadaanaa soomanuu keeti,"
eegasii ihsaana (toltuu) jechuun maali? Jedhen. Nabiin "ihsaana jechuun akka waan laaltee gartuutti Rabbiin gabbaruu keeti. Yoo ati arguu baattes inni si arga waan taheef."
Yeeroon (Qiiyaamaan) yoomi? Jennaan nabiins.a.w. "gaafatamaan waayee isii kan gaafaturra hinbeeku, garuu mallattoo isii siifin hima, yogguu gabrittiin gooftittii isii deesse, tiyfattoonni gaalaa yeroo qal'aa jaaruu keessatti waldorgoman,
Waa shan Rabbi malee tokkolleenuu hinbeeku, eegasii niqara'ee
ﭽ ﯫ  ﯬ  ﯭ    ﯮ  ﯯ   ﭼ   Hiikkaan "Allaah beekkomsi yeroo qiyaamaa isa biratti tahee jira." Eegasii namtichi gaafatu nideemee. Nabiin asdeebisaa jedhe. Barbaadanii Watakkaa hinagarree ni dhaban. Nabiin " Inni jibriili ummata diin barsiisuuf dhufe." Jedhe.
Bukhaarii 50, muslim 1\9, lafziin kan bukhaariiti.
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-hadiisni kuni barnoota hundee bu'ura islaamaa ufkeessaa qaba.
2-amantiin hojii fii iimaana qalbiiti.
3-iimaana jechuun waan qalbiin niyyatan tan afaaniin dubbatan, tanqaamaan hojjataniidha.


فضل الصلاة والسلام على رسول الله
48- عَنْ أَبِيْ طَلْحَةَ t أَنَّ رَسُوْلَ اللهِ r جَاءَ ذَاتَ يَوْمٍ وَالْبُشْرَى فِيْ وَجْهِهِ؛ فَقُلْنَا: إِنَّا لَنَرَى الْبُشْرَى فِيْ وَجْهِكَ!؛ فَقَالَ: إِنَّهُ أَتَانِيَ الْمَلَكُ؛ فَقَالَ يَا مُحَمَّدُ! إِنَّ رَبَّكَ يَقُوْلُ: أَمَا يُرْضِيْكَ؟ أَنَّهُ لاَ يُصَلِّيْ عَلَيْكَ أَحَدٌ إِلاَّ صَلَّيْتُ عَلَيْهِ عَشْرًا, وَلاَ يُسَلِّمُ عَلَيْكَ أَحَدٌ إِلاَّ سَلَّمْتُ عَلَيْهِ عَشْرًا".
(سنن النسائي, رقم الحديث 1283, وحسنه الألباني).
Sadarkaa nabirratti s.a.w. salaata buusuun qabdu.
48-Abbaa xalhaarraa r.a. nabiin s.a.w. guyyaa tokko kan gammachuun fuula isaarraa iftu nutti olseene, gammachuudha fuula keetirratti garra maaliifi? jenneen. Akki Nuun jedhe "malaaykichaatu natti dhufee yaamuhammad Rabbiin namni tokkolleen salaata takka sirratti buusee ani kudhan irratti buusu malee hin hafu, namni tokkolleen yoggu takka sirratti salaamtaa buusee ani yoggu kudhan irratti buusu malee hin hafu, kuni sin gammachiisuu? siin jedha naan jedhe."  Nasa'ii 1283, albaaniin hasan jedheen.


Namni  hadiisa kana odeesse.
Abuu xalhaa, maqaan zeydi ibnu sahli ibnu aswad al-khazraji anna-jjaarii sahaabaa beekamaadhaa, eessumman nabiirraa tokko.  manguddoota 12n aqabaa keessaa tukko. badriifii lola san boodaa hundarratti hirmaatee jira. nama haalaan islaamaaf tumsaa ture. Isa kan qabrii nabii qotee lahdii ciibse. Hadiisa 92 qaba. Soomanaa jihaada godhaa jiraate, akkasumatti soomanaa jihaada godhaa du'e. akkuma duulaaf bahetti bahrarratti osoo deemanu du'e bakka itti awwaalan dhabanii guyyaa torba janaazaan isaa osoo hinjijjiiramin ture, eegasii jaziiratti bahanii awwaalan. Hijraa waggaa 50tti du'e.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-salaataaf salaama (nagayaaf rahmata) nabirratti s.a.w. buusuun akkaan barbaachisaadha. Sawaaba (ajrii) hedduu qaba.
Akkaataan itti buusanis irra caalaan isaa kana." Allaahumma salli alaa muhammadin wa'alaa aali muhammadin kamaa salleyta alaa ibraahiima wa'alaa aali ibraahiima innaka hamiidun majiid. Allaahumma baarik alaa muhammadin wa alaa aali muhammadin kamaa baarakta alaa ibraahiima wa alaa aali ibraahiima innaka hamiidun majiid.
2- Rabbiin salaata  nabirratti buusuu hiikkaan isaa kabajuu jechuudha. Yaa Rabbi salaata kee nabirratti buusi jechuun yaa Rabbi rahmata kee isaaf godhi isa guddisi jechuudha.
3-akkasuma nagayas nabirratti buusuun barbaachisaadha, qur'aanarraa wanni kanarratti nuqajeelchu jecha Rabbii oltaheeti   "Allaahaafi malaaykaaleen isaatis nabirratti salaata buusan isin yaa warri amantanis salaata buusaa isarratti salaata buusiinsa." Suuraa ahzaab 56.
Hadiisattis nabiin s.a.w. akkana jedhan "Rabbiin malaykaalee qaba, kanneen dachii keessa deddeemtee salaamta ummata kiyyarraa natti geessitu." Nasaa'ii.
Akkasuma nagayaaf rahmata nabirratti buusuun yeroo hundaawu barbaachisaadha. Akkasuma ammas yeroo masgiida seenan, yeroo masgiidarraa gadi bahan, yeroo azaanaa, yeroo tashahuda salaataa fii kkf keessatti nabirratti salaataaf salaama buusuun barbaachisaadha.
Bakka inni hinjirretti salaamtaa jechuuniin nabuma qofaafi,isaa waan malaaykaan itti geessituuf jecha. nama biro kan fagoo jiruuf hintahu.
4-salaama jechuu hikkaan qulqullina fii nageenya jechuudha.
5-akkaataan itti salaamtaa buusan  (assalaamu aleyka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuhuu) yookaan (assalaamu aleeyka yaa rasuulallaahi) yookaan (assalaamu aleyka yaa nabiyyallaah) yookaan (assalaamu alannabiyyi) jechuudhaan taha.
Salaamtaan tenya tuni nabitti nigeeysi jedhanii yaaduu barbaachisa.
Garuu walitti qabamanii sagalee gamtaatiin allaahumma salli jechuun hintahu dhoowwaadha. Akkasuma dibbeefii meeshaalee mooziqaa adda addaa itti dhawuunis hintahu.

 

اليد الْيُمْنَى لكل ما فيه التَّكْرِيم وَالتَّشْرِيف
49- عَنْ عَائِشَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا, قَالَتْ: كَانَتْ يَدُ رَسُولِ اللَّهِ r الْيُمْنَى لِطَهُورِهِ وَطَعَامِهِ، وَكَانَتْ يَدُهُ الْيُسْرَى لِخَلائِهِ، وَمَا كَانَ مِنْ أَذًى".
(سنن أبي داود, رقم الحديث 33, وصحيح البخاري, رقم الحديث 168, وصحيح مسلم, رقم الحديث  66- (268), وجامع الترمذي, رقم الحديث 1888, وسنن ابن ماجه, رقم الحديث 3288, واللفظ لأبي داود, وصححه الألباني).
Harki mirgaa waan kabajamaatiif itti fayyadaman
49-Ayyoon teenya aa'ishaan r.a. harki nabii tan mirgaa dhiqaannaa fii nyaataafi, tan bitaa ammo qulqullinaaf waan fokkataa deemsisuufi, " jette.
Abuu daawud 33,  bukhaarii 168,   muslim 66\268,  tirmizii 1888, ibnu maajah 3288,  lafziin kan abii daawudi. Albaaniin sahiiha godhe.
 
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 5tti ibsamee dabree jira.


Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-kuni seera islaamaa beekkamaadha-wannii kabajaa tahee hundi harka mirgaattu durfama. Fakkenyaaf akka uffata uffachuu, kofoo kaayyachuu, kophee uffachuu, masgiida seenuu, siwaakkachuu, ija kuulachuu, qeensa (kottee) cirachuu, anfarroo gabaabsuu, mataa filachuu, rifeensa bobaa buqqaafachuu, mataa haaddachuu, salaatarraa salaammatuu, dhiqannaa qaamota xahaaraa, mana fincaaniirraa gadi bahuu,  nyaata, dhugaatii, harka walfuudhuu, dhagaa gurraachaa salaammachuu fii k.k.f.  hunda keessatti mirgaatu durfama.
2- ammo wanni faallaa kabajaa fii guddinaa tahe kanneen akka mana fincaanii seenuu, masgiidarraa bahuu, furrii fudhachuu, istinjaa, uffata, kofoo, kophee baafachuu, kkf bitaadhaatu durfama.
3- waa hunda keessatti nabiin s.a.w. hordofuun barbaachissaafii dirqama.


التحذير من سؤال الناس أموالهم بغير ضرورة
50- عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ , قَالَ : قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r: "مَنْ سَأَلَ النَّاسَ أَمْوَالَهُمْ تَكَثُّرًا؛ فَإِنَّمَا يَسْأَلُ جَمْرًا؛ فَلْيَسْتَقِلَّ أَوْ لِيَسْتَكْثِرْ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 105 - (1041)
Rakkoof malee nama kadhachuun dhoowwaadha.
50-abii hureyraa -r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe. "namni qabeenya namaa kadhate heddumeeyfachuudhaaf wanni inni kadhatu dhamala ibiddaati, fedhu haaguddisuu fedhu
haaxiqqeessuu." Muslim 105\1041.

Namni  hadiisa kana odeesse.
Hadiisa lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-hadiisa kana keessatti wanni ibsame namni yoo Rakkinarraa tahe malee nama waa kadhachuun dhoowwaadha.
2-namni rakkina isaa namarratti irkise furmaata hin argatu. Ammo namni rakkina isaa Rabbirratti irkise Rabbiin isaaf dirmata, Rabbiin s.w. akkana jedha "namni allaaharratti irkate inni gayaa isaati" suuraa xalaaq 3.
مشروعية صَلاَة الْإِشْرَاقِ
51- عَنْ عَائِشَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا, قَالَتْ:  كَانَ رَسُوْلُ اللّهِ r يُصَلّي الضّحَى أَرْبَعًا, وَيَزِيدُ مَا شَاءَ اللّهُ.
(صحيح مسلم, رقم الحديث  79- (719),)
Salaanni baha biiftuu boodaa barbaachisaadha.
51-Ayyoo aa'ishaan r.a. nabiin s.a.w. salaata duhaa rakaa afur salaatan waan Rabbiin fedhe itti eda'an jette. Muslim 79\719.
 
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 5tti ibsamee dabree jira.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-salaatul awwaabiin jechuun salaata duhaati. Yeroon isiis yogguu aduun olbaatee hanga ulee eeboo olfagaatterraa kaasee hanga walqixa samii gayutti dhihaattutti. Salaata barbaachistuudha. Sadarkaa guddaa qabdi. Salata ganamaatis nijedhamti.
2-irra xiqqaan salaata duhaa raka'aa lama, irra caalaan ammo raka'aa afur lama lamaan salaatuudha. Irra hedduun isaa raka'aa saddeeti.
فضل الوضوء والصلوات الخمس
52- عَنْ عُثـْمَانَ بْنِ عَفَّانَ t قَالَ: قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r: "مَنْ أَتَمَّ الْوُضُوْءَ, كَمَا أَمَرَهُ اللَّهُ تَعَالَى؛ فَالصَّلَوَاتُ الْمَكْتُوْبَاتُ, كَفَّارَاتٌ لِمَا بَيْنَهُنَّ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 11 – ( 231),).
Sadarkaa wuduu'aatiifii salaata shananii.
52-usmaan ibnu affaan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe. " namni akka Rabbiin isa ajajetti wuduu'a guuttatee salaatu salaanni shanan waan isaan lameen jiddutti taateef araarama isaaf taati." Muslim 11\231
 
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 1tti ibsamee dabree jira.


Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-wuduu'ini ibaadaa guddoo haalaan sadarkaa qabdu, wuduuini badii namarraa haqa, wuduuini sadarkaa namaa olfuudha, waan taheef wuduu'a baruu barbaachisa. Seera isaa waan isa balleessuu fii akkaataa isaa hunda baruun barbaachisaadha.
2-  wuduu'a tolchanii godhachuufii salaata sirreessanii salaatuurratti nama kakaasa.
3-salaanni shanan haalaan jabduudha. Sadarkaan isii guddoodha. Irratti tiyfamuu barbaachisa. Salaanni badii namarraa hayxi. Araarama namaaf taati. Garuu badiin tun xixiqqoo tahuu  qabdi. Badiin gurguddoon towbaa dhugaa ta seera isii guuttattetti haajamti.

 

تناول التمر لِلسُّحُوْرِ, هو: الأفضل
53- عَنْ أَبِيْ هُرَيْرَةَ t عَنِ النَّبِيِّ r قَالَ: "نِعْمَ سُحُوْرُ الْمُؤْمِنِ: اَلتَّمْرُ".
(سنن أبي داود, رقم الحديث 2345, وصححه الألباني).
Iraabaaf timira nyaachuun jaalatamaadha.
Abii hureyraan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe. " hiraabni muiminaa timira tahuun waatolee" abuudaawuud 2345, albaaniin sahiiha godhe.
 
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-timiraan hiraabbachuun waan caalaadha. Yookaan waan hiraabbataniin keessa timira godhuun barbaachisaadha. Garuu hedduun namaa waan kana hubannoo hinqabu, timira furiinsuma qofatti akka waan taheetti beeka.
2-timirri waan barakaa qabu, yeroo barakaa qabdu san keessatti isa nyaachuun barakaa walirratti dabalamteedha.
3-hiraabbachuun barbaachisaadha,barakaa qaba waajiba hojjachurratti humna tahuudhaan gargaarsa namaaf taha. Tanaaf hiraaba jabeeysuun barbaachisaadha. Hiraabni Wahuma namaaf mijjaawwe hundaan taha. Yoo timiraan tahe ammo irra filatamaadha.
فضل التأمين
54- عَنْ أَبِيْ هُرَيْرَةَ t أَنَّ رَسُوْلَ اللهِ r  قَالَ: "إِذَا قَالَ أَحَدُكُمْ: آمِينَ, وَقَالَتِ الْمَلَائِكَةُ فِي السَّمَاءِ: آمِينَ؛ فَوَافَقَتْ إِحْدَاهُمَا الْأُخْرَى؛ غُفِرَ لَهُ مَا تَقَدَّمَ مِنْ ذَنْبِهِ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 781, وصحيح مسلم, رقم الحديث  72- (410), واللفظ للبخاري).
Sadarkaa aamiin jechuudhaa.
54-Abii hureyraan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe. " yeroo tokkoon keessan aamiin jedhee maleykaanisa samii keessaa aamiin jetti yoo walitti qajeele badii isaa tan dabarte araarama argata"
Bukhaarii 781,  muslim 72\410 lafziin kan bukhaariiti.
 
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hadiisa lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-aamiin jechuun yaa Rabbi kadhaa suuraa faatihaa keessatti taate nuuf qeebali jechuudha.
2-namni salaatu hundinuu aamiin jechuun barbaachisaadha. Imaama tahuu maimuuma tahuu nama kophaa salaatu tahuu.
3-malaaykaan jiraachuu dhugaoomsuun barbaachisaa tahuu.

 


من صفات المسلمين
55- عَنْ أَبيْ هُرَيْرَةَ t عَنْ رَسُوْلِ اللهِ r قَالَ: "الْمُسْلِمُ مَنْ سَلِمَ النَّاسُ مِنْ لِسَانِهِ وَيَدِهِ, وَالْمُؤْمِنُ مَنْ أَمِنَهُ النَّاسُ عَلَى دِمَائِهِمْ وَأَمْوَالِهِم".
(سنن النسائي, رقم الحديث 4995, و صحيح مسلم, رقم الحديث 65 - (41), واللفظ للنسائي, وحسنه الألباني).

Muslimni nama nagayaati.
55-abii hureyraan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe. " muslima jechuun nama muslimni arraba isaatiifii harka isaarraa nagaya bahe, mu'imina jechuun nama namni lubbuu isaaniitiifi qabeenya isaanirratti isa amanani." Nasaa'ii 4995, muslim 65\41 lafziin kan nasaa'iiti, albaaniin hasan jedheen.
 
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hadiisa lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.

 

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-namni hundi amaanaan dhaabbachuu qaba.
Nama dhugaa tahuu kijibarraa fagaachuu, qabeenyaa fii dhiiga namaa keessattis walmiidhuu dhabuun dirqama.
2-muslima gaarii jechuun kan nama hinmiinee kan Rabbi sodaatu, kan waa hunda keessatti rakkoo namarraan hin geenye tahuu qaba.
3- muiminni kan tolina mul'atuun wassafamu kan namni harkaa fii arraba isaarraa nagaya bahu, muiminni ammo tolina kessaatiin wassafame sun qabeenyaafii lubbuu (dhiiga) isaaniirratti namni isa amanuudha ( nu miidha jedhanii isa sodaachuu dhabuudha).


عمارة البيوت بالعبادة والذكر وقراءة القرآن فيها
56- عَنْ أَبِيْ هُرَيْرَةَ t أَنَّ رَسُولَ اللهِ r قَالَ:  لاَ تَجْعَلُوْا بُيُوْتَكُمْ مَقَابِرَ؛ إِنَّ الشَّيْطَانَ يَنْفِرُ مِنَ الْبَيْتِ الَّذِي تُقْرَأُ فِيْهِ سُوْرَةُ الْبَقَرَةِ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 212 - (780), ).
Ibaadaa, zikrii, qaraatii qur'aanaatiin manneen booharsuun barbaachisaadha.
56- abiihureyraan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe. " manneen keessan qabroota hin godhina sheyxaanni mana suuraan baqaraa itti qara'amtu irraa dheessa." Muslim 212\780
 
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-namni hundi mana isaa qabrii fakkeeysuun dhoowwaadha. Ibaadaa Rabbiitiin booharsuu qaba. Zikriifi qaraatii qur'aanaatiin (suuraa baqaraatiin) mana isaa jiraachisuun barbaachisaadha.
Akkasuma sheyxaanni mana suuraa baqaraa keessatti qara'an irraa dheessiti.
2- mana ibaadaafii zikrii Rabbii irraa qullaa godhuun hin barbaachisu, tahuu baannaan qabritti fakkaata. Warri isa keessa jirus namoota duanitti fakkaatan.
فضل قول اَللَّهُمَّ رَبَّنَا لَكَ الْحَمْدُ
57- عَنْ أَبيْ هُرَيْرَةَ t أَنَّ رَسُوْلَ اللهِ r قَالَ:  "إِذَا قَالَ الْإِمَامُ: سَمِعَ اللهُ لِمَنْ حَمِدَهُ؛ فَقُوْلُوْا: اَللَّهُمَّ رَبَّنَا لَكَ الْحَمْدُ؛ فَإِنَّهُ مَنْ وَافَقَ قَوْلُهُ قَوْلَ الْمَلَائِكَةِ؛ غُفِرَ لَهُ مَا تَقَدَّمَ مِنْ ذَنْبِهِ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 796, وأيضاً صحيح مسلم, رقم الحديث 71- (409),).
Sadarkaa (Allaahumma Rabbanaa lakal hamdu) jechuun qabdu.
57-Abii hureyraan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe. " yeroo imaamni sami'allaahu liman hamidahuu jedhe isin allaahumma Rabbanaa lakal hamdu jedhaa,  namni jechi isaa jecha maleeykaatiin walqunname badii isaarraa wanni dabre hundii araarama isaaf godhama." Bukhaarii 796, muslim 71\409
 
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-arjummaan Rabbii s.w. akkaan guddoodha. Jechuma gabaabaa kanaan araarama waan dabree hunda nama badhaasa.
2- namni salaatu tokko yoo imaamaafii nama kophaa salaatu tahe "sami'allaahu liman hamidahuu rabbanaa walakal hamdu jedha." Ammo yoo nama kophaa salaatu tahee yeroo imaamni isaa sami'allaahu liman hamidahuu jedhe "Rabbanaa walakal hamdu" jalaajedha.  Hiikkaan sami'allaahu liman hamidahuu -Allaah nama isa galatoomfate dhagaye) jechuudha. Rabbanaa lakal hamdu jechuun -yaa gooytaa keenya galanni keeti ) jechuudha.


كيف يتم ثُبُوتُ دخول رَمَضَانَ؟
58- عَنْ أَبيْ هُرَيْرَةَ t قَالَ: ذَكَرَ رَسُوْلُ اللهِ r اَلْهِلاَلَ؛  فَقَالَ:  "إِذَا رَأَيْتُمُوْهُ فَصُوْمُوْا, وَإِذَا رَأَيْتُمُوْهُ؛ فَأَفْطِرُوا؛ فَإِنْ أُغْمِيَ عَلَيْكُمْ فَعُدُّوْا ثَلَاثِينَ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 20- (1081), ).
Jiini ramadaanaa seenuun maaliin mirkanaawa?
58- abii hureyraan r.a. nabiin s.a.w.  waayee baatii irraa dubbatanii akkana jedhan jedhe. " yogguu isa gartan soomanaa yogguu isa gartan furaa yoo isinirrattii dumessaaye soddom guutadhaa."  Muslim 20\1081.
 
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-guyyaa shakkiidhaa soomanuun hin barbaachisu. Guyyaa 30ffaa sha'ibaanaa yoo guyyaa duumessaawaa tahee baatii arguu dhaban soomanuun hinbarbaachisu shaibaanumatti lakkaawama. Dhumti soomanaatis akkanuma fakkaata.
2- soomana ramadaanaa baatiin isaa bahuu mirkaneessan malee soomanuun hintahu dhoowwaadha. Kuni ammo kan beekkamu baatii baate arguudhaani yookaan namni arge raga bahuudhaani, kana tahuubaannaan ji'a sha'ibaanaa soddom guutachuun dirqama taha.

 

 

من آداب المجلس في الإسلام
59- عَنْ أَبِيْ هُرَيْرَةَ t، عَنِ النَّبيِّ r قَالَ: "إِذَا قَامَ أَحَدُكُمْ عَنْ مَجْلِسِهِ, ثُمَّ رَجَعَ إِلَيْهِ؛ فَهُوَ أَحَقُّ بِهِ".
(سنن ابن ماجه, رقم الحديث 3717, وصحيح مسلم, رقم الحديث31  - (2179) واللفظ لابن ماجه, وصححه الألباني).
Naamusa teessumaa
59- abii hureyraan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe. " namni tokko teessoo isaarraa ka'ee yoo eegasii itti deebi'e isaatu irra bakka sanitti haqa." Ibnu maajah 3717, muslim 31\2179,  lafziin kan ibnu maajah. albaaniin sahiiha godhe.
 
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hadiisa lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.

 


Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-namni muslimaa naamusa teessoo eeggachuu barbaachisa. Akkaataa nama biro rakkisutti tahuun hinbarbaachisu
2-naamusa teessumaarraa namni tokko yoo haajaa adda addaatiif jecha bakka teessoo isaarraa ka'ee gadi bahee booda deebie bakka isaa san isumaatu nama biro irra itti haqa.

 

 

فضل الإنفاق على الزوجة والأطفال
60- عَنْ أَبِيْ مَسْعُوْدٍ الْبَدْرِيِّ t عَنِ النَّبِيِّ r, قَالَ: "إِنَّ الْمُسْلِمَ إِذَا أَنْفَقَ عَلَى أَهْلِهِ نَفَقَةً وَهُوَ يَحْتَسِبُهَا كَانَتْ لَهُ صَدَقَةً".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 48- (1002), وصحيح البخاري, رقم الحديث 55, واللفظ لمسلم).
Sadarkaa maatii ufii keessatti kennachuun qabdu.
60- Abii mas'uud albadriyyiin r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe. " muslimtichi yoo maatii isaarratti niyyaa tolee masruufa kenne sadaqaa isaaf taati" muslim 48\1002,  bukhaarii 55,  lafziin kan muslimi.
 
Namni  hadiisa kana odeesse.
Hasiisa lakkoofsa 2tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-Maatii keessatti baasiin baasan sawaaba guddaa akka qabduufi tan karaa totuu biro keessatti baasan hunda akka caaltu.
2-Rabbirratti hisaabbachaa yeroo jennu niyyaa gaariidhaan jechuudha. Niyyaa gaariitu sawaaba nama argachiisa.
3- karaa Rabbiin jaalatu keessatti baasuun barbaachisaadha. Akkasuma wanni baasanis halaalirraa tahuutu barbaachisa.
من أسباب النجاة من النار
61-عَنْ عَدِيِّ بْنِ حَاتِمٍ t، قَالَ: سَمِعْتُ النَّبِيَّ r، يَقُولُ: "مَنِ اسْتَطَاعَ مِنْكُمْ أَنْ يَسْتَتِرَ مِنَ النَّارِ, وَلَوْ بِشِقِّ تَمْرَةٍ؛ فَلْيَفْعَلْ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 66- (1016), وصحيح البخاري, رقم الحديث 1413, واللفظ لمسلم).
Wantoota   ibidda jalaa nagaya nama baasu.
61- addiyyi ibnu haatim r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "namni ibiddarraa dahoo godhachuu dandaye osoo sadaqaa cinaa timiraatiinillee taatee haa hojjatuu." Muslim 66\1016, Bukhaarii 1413, Lafziin kan muslimi.


Namni hadiisa kana odeesse.
Addiyyi ibnu abdallaahi ibnu haatim, abuu xariif yookaa abuu wahbi jechudhaan beekama. Gosti isaa xaa'ii jedhamti. Amiira gosa isaati, islaamummaa duraafii eega islaamayes.
Bara 7ffaa hijraati keysummummaa madiinatti nabitti dhufe. Waayee islaamummaarraa gaggaafatee hubate. Haqa tahuun galteefii islaamaye.
Zaman riddaa (garagaltootaa) ijjannoo jabduu qabaachuu ture. Ufiifis diinirratti cimee gosa isaatis diinirraa akka ufduuba gara hingalle dhoowwe. Duula muslimtoonni godhan gurguddaa irratti hirmaatee jira. Duula iraaq, madaain, qaadisiyyaa fi kanneen birootis dhaqee jira. Umar r.a. hedduu isa farsuu ture. Adiyyi akkana jedhe "Guyyaa tokko ummataan wajji umaritti dhufnee. Umar keessummota tokko tokkoon yaamee dubisaa ture. Booda anis amiira muimintootaa nanbeeynee? jedheen. Sibeekeen jira ati ka yeroo namni kijibsiise dhuga'oomsite, ka yeroo namni dheesse hafte, yeroo namni kafare islaamummarratti hafte, naan jedhe"
Gaaf tokkos umar akki jedhe "sadaqaan dura dursoo fuula nabiitiifii sahaabaa gammachiiftee ibsite tan gosaa tee xaa'ii irraa ati nabitti fidde san turte." Jedhe.
Eegasii addiyyi kuufatti galee. Warra aliyyiin wajji dhaabbatu ture. Hadiisni isaa 66.
Bara hijraa 67 isaa umriin waggaa 120 kuufatti du'e.


Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-sadaqaa godhuu heddummeessuun barbaachisaadha. Sadaqaa xiqqoo tuffachuun hinbarbaachisu.
2-sadaqaan ibidda jahannam namarraa deebisti. Xiqqoon isii tan hanga cinaa timiraatis tuffatamuu hinbarbaachisu.
3- hadiisa kana keessatti wanni timiraan fakkeessaniif irra beekamaa nyaata biyyattii waan taheefi.
 4- hojiileen sababaa isiitiin jannata seenan hedduudha. Sanirra takka sadaqaadha. Kuni arjummaa Rabbii irraayi.

من فضائل الحج والعمرة
62-عَنْ أَبيْ هُرَيْرَةَ t أَنَّ رَسُوْلَ اللهِ r قَالَ: "الْعُمْرَةُ إِلَى الْعُمْرَةِ كَفَّارَةٌ لِمَا بَيْنَهُمَا, وَالْحَجُّ الْمَبْرُوْرُ لَيْسَ لَهُ جَزَاءٌ إِلاَّ الْجَنَّةُ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 1773, وأيضاً صحيح مسلم, رقم الحديث 437- (1349), واللفظ للبخاري).
Sadarkaa hajjiifii umraa.
62-Abii hureyraan r.a. Nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "umraan hanga umraatti badii isaan lameen jiddutti jirtu namarraa hayxi, hajjiin sirroytuun galanni isii jannatuma malee waan birootii miti." Bukhaarii 1773. Muslim 437\1349 lafziin kan bukhaariiti.
 
Namni hadiisa odeesse lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.

 


Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-Umraan sadrkaa guddoo qabdi, badii waan umraa lameen jiddutti tahe namarraa hayxi.
2-Akkuma umraan araarama guddaa nama argachiistu hajjiin sirroytuunis galanni isii jannatuma.
3-Hajjii sirrooytuu jechuun tan seera isii guuttattee badiifi dogoggorarraa qulqulluu taate jechuudha.

 


من فضائل شهر رمضان المبارك
63- عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ t يَقُوْلُ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ r: "إِذَا دَخَلَ رَمَضَانُ فُتِّحَتْ أَبْوَابُ الْجَنَّةِ، وَغُلِّقَتْ أَبْوَابُ جَهَنَّمَ، وَسُلْسِلَتِ الشَّيَاطِيْنُ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 3277, وصحيح مسلم, رقم الحديث 1 - (1079), واللفظ للبخاري).
Sadarkaa ji'a ramadaanaa.
63-Abii hureyraan r.a. Nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe " yeroo ramadaanni seene hulaaleen jannataa nibanamti, hulaaleen azaabaa nicufamti, sheyxaanonni nihidhamti."  Bukhaarii 3277.  Muslim 1\1079. Lafziin kan bukhaariiti.
 
Seenaan nama hadiisa odeessee lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-kabajaa ramadaanaatiif hulaan jannataa banamtee ta ibiddaa cufamti. Tanaaf namni ibbidda azaabaa jalaa nagaya bahee jannata Rabbii seenuu fedhu badirraa fagaatee ibaadaa Rabbiitti haa jajjabaatuu.
2-Sheyxaanni hidhamuun beekkamaadha. garuu yoo badiin argamte tan sheyxaanarraa hintahin tan sababii biro qabdu taati. Fkn wanni baditti nama kaasu kan sheyxaana malee jiru lubbuu jalloo, sheyxaana  namaa fi kkf.
3-sheyxaanni wanni hidhamuuf akka muslimtoota azaa hingooneefi. hulaan jannataa banamuun, ta azaabaa cufamuuni fi sheyxanni hidhamuun mallattoo kabajaa baatii ramadaanaati,

 


وجوب تبييت النية في صوم الفريضة قبل طلوع الفجر
64- عَنْ حَفْصَةَ رَضِيَ اللهُ عَنْهَا زَوْجِ النَّبِيِّ r عَنِ النَّبِيِّ r قَالَ: "مَنْ لَمْ يُجْمِعِ الصِّيَامَ قَبْلَ الْفَجْرِ؛ فَلاَ صِيَامَ لَهُ".
(جامع الترمذي, رقم الحديث 730, وسنن أبي داود, رقم الحديث 2454, وسنن النسائي, رقم الحديث 2334 , واللفظ للترمذي, وصححه الألباني).
Soomana  fardii osoo hinfajarree niyyaa godhuutu dirqama.
64-aayyoo hafsaan haati manaa nabii s.a.w. nabiin s.a.w  akkana jedhan jette " namni fajrii duratti soomana niyyaa godhee qalbii keessatti walitti hinqabatin soomanni isaaf hinjiru." Tirmizii 730. Abiidawud 2454. Nasaa'ii 2334 , lafziin kan tirmiziiti. Albaaniin sahiiha godhe.
Seenaa nama hadiisa kana odeesee.
Namni hadiisa kana odeesse haadha muimintootaa ayyoo hafsaa binti umar. Ergamuu nabii keenyaa dura waggaa 5ffaatti dhalatte. Duraan jaartii kuneysi ibnu hazaafah assahmii turte. Isumaan wajji habashatti hijraa baate. Madiinattis hijraa baate. Booda jaarsi isii kuni irraa du'e. eega yeroo dheertuu kophaa isii turte booda nabiin s.a.w. fuudhe. Hafsaan nama barruu barreesuufii dubbisuu beeku turte. Qur'aanni yeroo duraatiif abuubakri walitti qabee kitaaba tokkotti deebise isii bira ture. Hanga usmaan r.a. irraa fuudhee haarawatti kitaaba waliigalaa godhee irraa katabsiisee isimatti deebise. Sanboodas isima bira ture hanga gaafa du'aan addunyarraa deemteetti. Guyyaa duutu qur'aana san Obboleessa isii abdillaahiif dhaamte. Hafsaan umrii isii guutuu halkan salaata, zikrii, qaraatii qur'aanaatiin jiraachisuu turte.
Hafsaan bara hijraa 41 madiinatti du'aan boqatte. Mootii madiinaa kan yeroo sanii marwaantu irratti salaate.
Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-soomana fardii kan dirqamaa kan akka ramadaanaa, nazrii, qadaa ramadaanaa fi kkf yeroon isa niyyatan Osoo fajriin hinbaane duratti halkan keessa tahuuqaba. Niyyaa bakkiti isii qalbiidha afaaniin dubbachuu hinbarbaachisu.
 2- ammo soomanni sunnaadhaa guyyaa keessallee yoo niyyatan numa taha. Garuu fajrii booda waan soomana balleeysurraa fagaachuudhaan wajji tahuu qaba.
قراءة القرآن في صلاة الفجر
65- عَنْ أَبِيْ بَرْزَةَ t قَالَ:  كَانَ رَسُوْلُ اللهِ r يَقْرَأُ فِي الْغَدَاةِ مَا بَيْنَ السِّتِّينَ إِلَى الْمِائَةِ آيَةً.
(صحيح مسلم, رقم الحديث 172 – (461), وصحيح البخاري, رقم الحديث 541, واللفظ لمسلم).
Salaata fajriitti qur'aana qara'uu.
65-abii barzaan r.a. nabiin s.a.w. salaata subhii irratti aayata jahaatamirraa hanga dhibbaati qara'a jedhe. muslim 172\461, bukhaari 541, lafziin kan muslimi.
Seenaa Nama hadiisa kana odeessee.
Abuu barzaa nadlah ibnu ubeyd al-aslamii r.a.. nabiin wajji injifannoo makkaa irratti hirmaatee jira. Eegasii basratti gale. Eegasii karaasaan qubate. Bakka murwi jedhamtu qubate. Sanbooda basratti deebi'e.  hadiisa 40 odeesse. Waggaa hijraa 60 basratti du'e.
Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-salaata fajrii irratti nabiin s.a.w. aayata 60-100 qarauu ture. Kanaatu barbaachisaadha.
 2-salaanni jamaa'aadha akkataa nabii irratti tahuu qabdi. Salaatni jamaa'aa masgiidatti taate jiddu jireeytii tahuu qabdi.
 3- imaamni masgiida kan namarratti laaffisu, kan nama walitti qabu jiddu galeessatti kan ummataan deemu tahuu qaba.
من فضائل السجود لله عز وجل
66-عَنْ أَبيْ هُرَيْرَةَ t عَنِ النَّبِيِّ r قَالَ: "تأكُلُ النَّارُ ابْنَ آدَمَ إِلاَّ أثَرَ السُّجُوْدِ؛ حَرَّمَ اللَّهُ عَلَى النَّارِ أَنْ تَأْكُلَ أَثَرَ السُّجُوْدِ".
(سنن ابن ماجه, رقم الحديث 4326, وصحيح البخاري, جزء من رقم الحديث 7437, وصحيح مسلم, جزء من رقم الحديث 299 - (182), واللفظ لابن ماجه, وصححه الألباني).
Sadarkaa sujuudni qabu.
66-abii hureyraan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "ilmaan aadam ibiddi nigubdi bakka sujuudaa malee bakka sujuudaa rabbiin ibiddarratti haraam godhe akka hin gubne." Ibni maajah 4326, bukhaarii 7437, muslim 299\182. Lafziin kan ibnumajah. albaaniin sahiiha godhe.

 
Seenaa nama hadiisa kana odeesee.
Namni hadiisa kana odeesse lakkoofsa 13tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-ilma namaa kan badii qabu ibiddi nigubdi garuu bakka sujuudaa waan Rabbiin isii dhoowweef jecha hingubdu. Bakkiti sunis fuula, harka lameen, jilba lameen, miila lameeni.
2-Rabbiin gabroottan isaa nikabaje, nijaalate, waan ittiin bareedan isaanii godhe, waan nama bareechee fuula namaa ibsu keessaa tokko sujuuda. Warra sujuudaa fuulli isaani guyyaa qiyaamaa ni'ifa.

 

الحكمة من مخالفة الطريق في صلاة العيد
67- عَنْ جَابِرٍ t قَالَ: كَانَ النَّبِيُّ r,إِذَا كَانَ يَوْمُ عِيْدٍ, خَالَفَ الطَّرِيْقَ.
(صحيح البخاري, رقم الحديث 986).
Hikmaa guyyaa iidaa karaa jirjiiruun godhameef.
67-jaabir r.a. nabiin s.a.w. yeroo guyyaan iidaa tahe karaa jirjiira. Bukhaarii 986.
 
 Namni hadiisa kana odeesse
 seenaan nama hadiisa kana odeeseee lakkofsa 38tti dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-guyyaa iidaa yeroo salaata iidaatti deemaniifii irraa galan karaa jirjiiruun barbaachisaadha. Akka karaan lameenuu raga namaaf bahuu jecha. Dachiin guyya qiyaamaa waan isirratti hojjatame keyrii tahuu sharrii tahuu ni odeeysiti waan taheef.
2-namni muslimaa tokko nabii keenyatti s.a.w. hidhachuufii isaan hordofuun barbaachisaadha. Osoo hikmaa waan sanii beekuu baatellee.
مفتاح الصلاة الطهور
68- عَنْ عَلِيٍّ t قَالَ: قَالَ  رَسُولُ اللَّهِ r: "مِفْتَاحُ الصَّلاَةِ الطُّهُوْرُ، وَتَحْرِيْمُهَا التَّكْبِيرُ، وَتَحْلِيلُهَا التَّسْلِيْمُ".
(سنن أبي داود, رقم الحديث 61, وجامع الترمذي, رقم الحديث 3, وسنن ابن ماجه, رقم الحديث 275, قَالَ الإمام الترمذي: هذا حديث بأنه: أصح شيءٍ في هذا الباب أحسن, وحسنه الألباني وصححه).
Bantuun salaataa xahaarachuudha (wuduu'a).
68-Aliyyi r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe " bantuun salaataa xahaarachuudha, seensi isii takbiiraadha, hiikkannaan isii salaamtaadha."
Abiidawud 61, tirmizii 3, ibnu maajah 275, tirmiziin hasan jedheen, albaaniin sahiiha hasan jedheen.

Seenaa nama hadiisa kana odeesee.
Abbaa hasan aliyyi ibnu abiixaalib ibnu abdil muxxalib al-haashimiyyi al-qureyshiyyi jedhama.
Battii rajabaa 13 hijraa dura waggaa 23tti (17 marsi 599 )dhalate.
Inni ilma adeera nabiiti. Namni joollerraa dura islaamaye isa. Yeroo nabiin hijraa madiinatti deeman namni uf wareegee bakka nabii keenyaa firaasha isaaniirra bule isa. Qureyshiin nabiin jalaa bahuu yeroo beeyte hedduu isa mite. Garuu inni dantaa hingoone. Waan nabiin namaaf galchi jedheen galchee boodarra hijraa bahe. Hadiisni isaa 536.
Duula hunda nabiin wajji hirmaatee jira. Lola tabuuk malee. isa nabiitu maatii keessatti isa hanbise waan taheef hafe. Inni tokkoo warra kurnan jannataan gammachiifamaniiti. Mootii muimintootaa khaliifaa afreessaati. Bara hijraa 35tti eega usmaan ajjeefamee kaliifummaadhaan godhame. Magaalaa kuufaa teessoo mootummaa isaa godhate. Waggaa shaniifii ji'a sadih bulche. Garuu zamanni bulchiinsa isaa tasgabbiin hinturre. isaa masgiida kuufaatti subhii salaachisaa jiru Khawaarijaan tokko isa waraanee ajjeese. Baatii Ramadaanaa Bara hijraa 40tti (661)tti.

 

 

 


Barnoota hadiisa kanarraa argannu
1-salaanni xahaaraa malee hintaatu. Yoo argatan bishaaniin yoo dhaban yookaa dadhaban biyyeen qulqulleeffachuun diqama taha.
2-salaanni hidhannaan isii takbiira hiikannaan isii taslimaa tahuu.
3-Allaahu akbar jechuudhaan salaatatti seenama. Wanni akka nyaataa dhugaatii haasawaa salaata keessatti dhoowwadha.
4- mirgaafii bitatti assalaamu aleykum warahmatullaahi jechuudhaan salaanni xumuramti.

 


الترغيب في صِيَامِ يَوْمِ عَاشُوْرَاءَ
69- عَنْ أَبيْ قَتَادَةَ t, أَنَّ النَّبِيَّ r قَالَ: "صِيَامُ يَوْمِ عَاشُوْرَاءَ، إِنِّيْ أَحْتَسِبُ عَلَى اللَّهِ أَنْ يُكَفِّرَ السَّنَةَ الَّتِيْ قَبْلَهُ".
(جامع الترمذي, رقم الحديث 752, وصحيح مسلم, جزء من رقم الحديث 196- (1162), وسنن أبي داود, جزء من رقم الحديث 2425, واللفظ للترمذي, ولم يحكم الإمام الترمذي هذا الحديث بشيءٍ, وصححه الألباني).
Soomana guyyaa aashuuraa.
69-Abii qataadah r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe soomanni guyyaa aashuuraa ani Rabbirrattin herregadha dogoggora waggaa isa duraa narraa haquu." Tirmizii 752, muslim 196\1162, abiidaawud 2425. Lafziin kan tirmizii ti. Albaaniin sahiiha godhe.

Seenaa nama hadiisa kana odeessee
Seenaan isaa lakkoofsa 15tti ibsamtee dabartee jirti.
Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-guyyaa aashuuraa soomanuun ajajamee jira. Sadarkaan isaatis badii waggaa guutuu namarraa haqa.
2-guyyaa sagaliifii kudhanii soomanuun barbaachisaadha. Saglaffaa nabiin s.a.w. bara dhufu nin soomana jedhee soomanuu niyyatee ture. Garuu osoo achi hingayin gama akhiraa du'aan godaane.
3-soomanni aashuuraa sadarkaan walcaala. Irraa gadiin guyyaa 10nii qofa soomanuudha. Sadarkaan sanii olii sagaliifii kudhan soomanuudha. Haguma baatii kabajaa keessa soomana heddummeessan  sawaabni walcaala.

 


فضل طلاقة الوجه عند اللقاء
70- عَنْ أَبيْ ذَرٍّ t قَالَ: قَالَ لِيَ النبيُّ r: "لاَ تَحْقِرَنَّ مِنْ الْمَعْرُوفِ شَيْئًا, وَلَوْ أَنْ تَلْقَى أَخَاكَ بِوَجْهٍ طَلْقٍ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 144 - (2626), ).
Yeroo walitti dhufan fuula ifuu.
70-Abiizarri r.a. nabiin s.a.w. akkana naan jedhan jedhe " toltuu xiqqoollee hintuffatin osoo obboleessa kee fuula ifaan simachuullee taatee." Muslim 144\2626.
Seenaan nama hadiisa kana odeessee.
Seenaan isaa lakkoofsa 10tti ibsamtee dabartee jirti.

Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-namni muslimaa obbolessa isaa kan muslimaa fuula ifaadhaan simachuu barbaachisa.
2-akkuma san namni muslimaa tokko matii isaa hojjatoota isaatiifi namni dhimmi jiruu fi hojii walitti isa fiduun wajji gammadaa tahuu qaba.
Yeroo isaan qunnamus salaamtaa isallmaa isaanirratti salaammatuu qaba. Rakkina isaanirraayis gaafatee furmaataa godhuu barbaachisa.
3-yeeroo namaan walitti dhufan fuula ifaafii seequun simachuu barbaachisa. Hadiisatti fuula obboleessa keetiitti seequun sadaqaadha'' jedhamee jira.
صلاة النافلة في البيت أفضل
71- عَنْ زَيْدِ بْنِ ثَابِتٍ t، أَنَّ النَّبِيَّ r، قَالَ: "صَلاةُ الْمَرْءِ فِيْ بَيْتِهِ أَفْضَلُ مِنْ صَلاتِهِ فِيْ مَسْجِدِيْ هَذَا إِلاَّ الْمَكْتُوبَةَ".
(سنن أبي داود, رقم الحديث 1044, وصحيح البخاري, جزء من رقم الحديث 731, واللفظ لأبي داود, وصححه الألباني).
Salaata sunnaa manatti salaatuutu irra caala.
71-zeydi ibnu saabit r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "salaatoowwan fardii waan hintahin salaata namtichi mana isaatti salaatuutu kan masgiida kiyya kana keessatti salaaturra caala." Abiidawud 1044, bukhaarii 731, lafziin kan abiidaawud albaaniin sahiiha godhe.


Seenaa nama hadiisa kana odeesee.
Zeydi ibnu saabit ibnuddahhaak al-ansaarii sahaabaa beekamaadha. Barreesaa wahyiiti ture. Yeroo nabiin madiinatti hijraa bahan zeydii yatiima joollee xiqqaa umriin isaa waggaa 11 hin caalle ture. Zeydi hayyuu beekkomsa gudda qabu ture. Barreessaa nabiiti. Afaan adda addaa beeka fakkeenyaaf arabii, suryaanii, faarisii kkf. Yeroo nabiin mootota addunyaatiif xalayaa daiwaa barreessu zeydiitu katabuufii ture. Hadiisni zeydi odeesse 92. Bara hijraa 45tti isaa umrii 56 du'aan gama akhiraa goodane.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
1-salaatoowwan sunnaadha manatti tahuutu irra caalaadha. Yoo salaata sunnaa tan jamaadhaan salaatuun barbaachisu taate malee, tanneen akka salaata khusuufaa, istisqaa'aa, fii kkf malee .
2-masgiidatti salaata fardii shaman jamaa'aan salaatuun haalaan barbaachisaadha. Sunnaalee jamaa'aan salaatamtus akkasuma masjiidatti tahuu qabdi.

من فضائل الكلمات الأربع
72- عَنْ أَبِيْ هُرَيْرَةَ t، قَالَ: قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r: "لأَنْ أَقُوْلَ:  سُبْحَانَ اللهِ, وَالْحَمْدُ للهِ, وَلاَ إِلَهَ إِلاَّ اللهُ, وَاللهُ أَكْبَرُ, أَحَبُّ إِلَيَّ مِمَّا طَلَعَتْ عَلَيْهِ الشَّمْسُ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 32 - (2695), )
Sadarkaa zikrii.

72-Abii hureyraan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe " subhaanallaahi walhamdu lillaahi walaa liaaha illallaahu wallaahu akbar-jechuutu waan aduun irratti baaterra nabiratti irra jaalatamaa." Muslim 32\2695.
Seenaan nama hadiisa kana odeessee hadiisa lakkoofas 13tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-jechoonni afran kun "subhaanallaahi walhamdu lillaahi walaailaaha illallaahu wallaahu akbar" sadarkaan isaa akkaan guddaadha waan taheef namni hundi yeroo mara heddummeesse Rabbiin faarsuu qaba.
2-hadiisni kun sadrakaa guddoo zikriin Rabbi qabdu ibsa.
الساعة تقوم على شرار الناس
73- عَنْ عَبْدِ اللهِ  ابن مسعود t عَنِ النَّبيِّ r قَالَ: "لاَ تَقُوْمُ السَّاعَةُ إِلاَّ عَلَى شِرَارِ النَّاسِ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 131 - (2949), ).

Qiyaamaan namoota babbadorratti dhaabbatti.
73-abdullaah r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "qiyaamaan namoota babbadorratti malee hidhaabbattu" muslim 131\2949.

     Namni hadiisa kana odeesse
 seenaan isaa hadiisa lakkoofsa 3tti ibsamee dabree jira.

Barnoota hadiisa kanarraa argannu
1-qiyaamaan ummata babbadoo fokkataa toltuu hin qabnerratti dhaabbatti. Warreen badii baalagummaadhaa hojjatan.
2-ammoo ummanni gaggaariin mu'imintoonni osoo qiyaamaan hindhaabbanne duratti Rabbiin bubbee qabbanooytuu ergee lubbuu isaanii fuutee dhuman.
3-gareen qajeelloo tan gargaarsaa Rabbii  qabdu tahaqarratti taate hanga qiyaamaan dhihaattutti niturti hindhabamtu. Hanga qilleensi himame sun bubbisee mu'imintoota fixutti.
ظُلْم الْمُسْلِمِ لِلْمُسْلِمِ حَرَام
74- عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ عُمَرَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا، أَنَّ رَسُوْلَ اللهِ r قَالَ: "الْمُسْلِمُ أَخُو الْمُسْلِمِ لاَ يَظْلِمُهُ وَلاَ يُسْلِمُهُ, وَمَنْ كَانَ فِيْ حَاجَةِ أَخِيْهِ, كَانَ اللهُ فِيْ حَاجَتِهِ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 6951, وصحيح مسلم, رقم الحديث 58- (2580), واللفظ للبخاري).
Muslimni wal miidhuun dhowwaadha.
74- abdullaah ibnu umar r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "muslimni obboleessa muslimaati isa hinmiidhu, hamtutti isa hinkennu, namni haajaa obboleessaa keessatti tahe Rabbiin haajaa isaa keessatti taha" bukhaarii 6951, muslim 58\2580, lafziin kan bukhaariiti.
 
Namni hadiisa kana odeesse seenaan isaa hadiisa lakkoofsa 22tti ibsamee dabree jira.
Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-muslimni obboleessa isaa kan muslimaa miidhuun dhoowwadha. Rakkinarratti osoo walhingargaarre dhiisuunis dhoowwaadha.
2-nama rakkate rakkoo baasuun dirqama muslimtoota hundarratti.
3-qalbii muslimaa gammachiisuun waan Rabbiin sawaaba guddaa irratti namaa kataburraa tokko. Akkuma muslima rifachiisuuniifii yaaddessuun badii guddootahetti.

 


من آداب المجالس
75-عَنْ أَبِيْ سَعِيْدٍ الْخُدْرِيِّ t قَالَ سَمِعْتُ رَسُوْلَ اللَّهِ يَقُوْلُ: "خَيْرُ الْمَجَالِسِ أَوْسَعُهَا".
(سنن أبي داود, رقم الحديث 4820, وصححه الألباني).
Naamusa teessumaa.
75-abiisa'iid alkhudrii r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "irra caaltuun bekka tessoodhaa tan bal'oo taate" abiidaawud 4820, albaaniin sahiiha godhe.
Seenaa nama hadiisa kana odeessee.
Abuusa'iid alkhudrii sa'id ibnu maalik ibnu sinaan al-ansaariyyii al-khazrajiyyii jedhama.
Lolli dura dursoo inni nabiin wajji hirmaate lola khandaqi. Sanbooda duula 12 nabiin wajji hirmaate. Hadiisni inni odeesse 1170. Bara hijraa 74 isaa umrii waggaa 86 madiinatti du'e. baqii'itti awwaalame.
Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-bakkeen teessumaa balloofii mijjoytuu tahuu barbaachisa.
2-naamuusa teessoorraa bakka mijjoytuu fi bareedduu teessumaaf taatu filachuun gaariidha. Bakka hinbarbaachisne tan akka karaa, bakka namni irra dabruu, fii iddoo dhuunfaa namaa tattaa'uun dhoowwaadha.
من أذكار الرُكُوْعِ والسُجُوْدِ.
76- عَنْ عَائِشَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا أَنَّ رَسُوْلَ اللهِ r كَانَ يَقُولُ فِيْ رُكُوْعِهِ و سُجُوْدِهِ:  "سُبُّوْحٌ قُدُّوْسٌ، رَبُّ الْمَلَائِكَةِ وَالرُّوحِ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 223 - (487), ).
Zikriilee ruku'aatiifii sujuudaa.
76-aaishaan r.a. nabiin s.a.w. rukuu'aa fii sujuuda isaanii keessatti akkana jedhan jette "subbuuhun qudduus Rabbul malaaikati warruuh" hiikkaan faarfamee qulqullaawe Rabbiin malaykaaleetiifii jibriil.
Muslim 223\487.
 
Namni hadiisa kana odeesse seenaan isaa hadiisa lakkoofsa 5tti ibsamee dabree jira.

 


Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-namni salaatu sujuudaafii rukuu'a isaa keessatti \subbuuhun qudduus Rabbulmalaaikati warruuh.\ jechuun barbaachisaadha.
2-subbuuh jechuun faarfamaa irinni tokkolleenuu isatti hindhaqqabne  jechuudha qudduus jechuun qulqulleeffamaa waan isaan hin malle hundarraa qulqullaawe jechuudha.
Ruuh jechuun jibriili.
3-zikriiwwan kana sujuudaafii rukuu'a keessatti jechuun barbaachisaadha.
4-hadiisa biraatti wanni dhufe " ammo ruku'a isa keessatti guddina Rabbii faarsaa, sujuuda keessatti ammo du'aa'ii heddummeessaa isiniif qebalamuun beekamaadhaa." Jechaatu jira.
Kanaaf zikrii himamtee dabarteen wajji du'aa'iifii zikrii biro tan nabii keenyarraa sabatte yoo fidan gaarii taha.

 


الإيمان بالله واليوم الآخر, هما أساسٌ لكلِّ خير
77- عَنْ أَبِيْ هُرَيْرَةَ t أَنَّ رَسُوْلَ اللهِ r قَالَ: "مَنْ كَانَ يُؤْمِنُ بِاللهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ؛ فَلْيَقُلْ: خَيْرًا أَوْ لِيَصْمُتْ، وَمَنْ كَانَ يُؤْمِنُ بِاللهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ؛ فَلاَ يُؤْذِ جَارَهُ, وَمَنْ كَانَ يُؤْمِنُ بِاَللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ؛ فَلْيُكْرِمْ ضَيْفَهُ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 6475, وصحيح مسلم, رقم الحديث 74- (47), واللفظ للبخاري).
Rabbiifii guyyaa boodaatti amanuun bu'ura keyrii hundaati.
77- abiihureyraan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "namni Rabbiifi guyyaa boodaatti kan amanu tahe toltuu haa dubbatuu yookaa haa cal'isuu, namni Rabbiifii guyyaa boodaatti kan amanu tahe olla isaa akka hincinqine, namni rabbiifii guyyaa boodaatti kan amanu tahe keessummaa isaa haa kabajuu." Bukhaarii 6475. Muslim 74\47 lafziin kan bukhaariiti.
 
Namni hadiisa kana odeesse
seenaan isaa hadiisa lakkoofsa 13tti ibsamtee dabartee jirti.
Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-hadiisni kuni hundee barnoota arraba ufii tiiysuu namusa jedhu nama barsiisu keessaa isa tokko.
2- milkiin hundi nama rabbiifii guyyaa aakhiraatti amaneef taate. Akkuma kasaaraan hundi nama rabbiifii guyyaa aakhiraatti kafarerratti walgeysutti.
3-namni hundi kheyrii toltuu qofa haasawuu barbaachisa. Hamtuu dubbachurraa arraba isaa qabuu barbaachisa.
4-diin islaamaa waayee haqa olla haalaan jabeessee jira. Namni hundi haqa olla isaa eeguu barbaachisa. Olla kabajuu, jaalachuu, tola itti ooluun dirqama.
5-keeysummaan haqa guddaa qabdi. Keessummaa kabajuun dirqama diin islaamaati.

 

التحذير من التغفل
78- عَنْ أَبيْ هُرَيْرَةَ t عَنِ النَّبيِّ r أَنَّهُ قَالَ: "لاَ يُلْدَغُ الْمُؤْمِنُ مِنْ جُحْرٍ وَاحِدٍ مَرَّتَيْنِ".
(صحيح البخاري, رقم الحديث 6133, وصحيح مسلم, رقم الحديث 63- (2998), واللفظ للبخاري).
Dagamurraa dammaqsuu.
78-abiihureyraan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe " muiminni boolla takkarraa yeroo lama hinciniinamu" bukhaarii 6133. Muslim 63\2998. Lafziin kan bukhaariiti.
 
Seenaan nama hadiisa kana odeessee hadiisa lakkoofsa 13tti ibsamtee dabartee jirti.

Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-namni muslimaa nama bayyanataa qaruutee tahuu barbaachisa. Kan bakka takkatti yoggu lama hindogoggorre tahuu qaba.
2-namni muslimaa nama sagantaafii karooraan deemu tahuu qaba. Akkasuma nama tooftaa mijjoytu hundatti fayyadamu tahuu barbaachisa. Nabiin s.a.w. osoo wahyiin Rabbirraa itti buutuu tooftaafii sagantaa baasanii fayyadamaa turan.
أفضل الدعاء لصاحب المعروف
79-عَنْ أُسَامَةَ بْنِ زَيْدٍ رَضِيَ اللهُ عَنْهُمَا قَالَ: قَالَ رَسُوْلُ اللهِ r: "مَنْ صُنِعَ إِلَيْهِ مَعْرُوْفٌ؛ فَقَالَ لِفَاعِلِهِ: جَزَاكَ اللهُ خَيْرًا؛ فَقَدْ أَبْلَغَ فِي الثَّنَاءِ".
(جامع الترمذي, رقم الحديث 2035, قال الإمام الترمذي عن هذا الحديث بأنه:  حسن جيد غريب, وصححه الألباني).
Nama toltuu namatti oolee du'aa'ii godhamu.
79- usaamaa ibnu zeydii r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe " namni toltuun isatti dalagamtee namticha dalage saniin jazaakallaahu keyran jedhe galata guddaa galatoomfate."
Tirmizii 2035. Timiziin hasan, jayyid, gariib jedheen, albaaniin sahiiha godhe.
 
Seenaan nama hadiisa kana odeessee hadiisa lakkoofsa 36 tti ibsamee dabree jira.

 

Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-nama toltuu namatti oole tokko harka galchuufiin barbaachisaadha. Yoo hindandayi du'aa'ii tana godhaniif " jazaakallaahu kheyran" Rabbiin irra caalaa galata siif haa galchu \ jechuudha.
2-harka namaa galchuun akkuma haala abbaa saniitiin wajji laalamti. Yoo nama haajamaa qabeenyi isaa xiqqaa tahe waan akka inni ittiin tola sitti oolee san fakkaatu harka galchita. ammoo Yoo nama qabaataa tahe du'aa'imaan harka galchita.du'aa'iin sunis tanuma amma himamte tan hadiisaan dhufte tana tahuu qabdi.a.

 

 

 

 


وجوب التوبة إلى الله تعالى
80- عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ عُمَرَ رَضِيَ اللهُ عَنْهُمَا, قَالَ: قَالَ  رَسُولُ اللهِ r: "يَا أَيُّهَا النَّاسُ تُوْبُوْا إِلَى اللهِ؛ فَإِنِّيْ أَتُوْبُ فِي الْيَوْمِ إِلَيْهِ مِائَةَ مَرَّةٍ".
(صحيح مسلم, رقم الحديث 42 - (2702),).
Gama Rabbii towbachuun dirqama.
80-Abdillaah ibnu umar r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "yaa ilmaan namaa gama allaahaa towbadhaa, ani guyyatti yoggu 100n gama rabbi towbadhaa." Muslim 42\2702.
 
Seenaan nama hadiisa kana odeesee
 hadiisa lakkoofsa 22tti himaamee dabree jira.

Barnoota hadiisa kanarraa argannu.
1-towbaan hundee islaamaa isa tokko. Badiilee hundarraa daddaffitti towbachuun dirqama barbaachisaadha.
2-towbaan nama qulqulleessiti. Hamturraa nama sirreeysiti. Jallinarraa qajeellotti nama baasti. Badii namarraa hayxeeti toltutti jirjiirti. 3-namni hundi Rabbitti niyyaa toluu qaba. Badiin isaa hangamillee guddoo yootaate gama Rabbii towbachuu qaba. Towbaa dhugaadhaa tan qalbirraa kaate.4- towbaan barbaachistuudha. Badii guddoo feete taatus towbaan dhugaadha nihayxi. Garuu towbaan ulaagaa qabdi ulaagaalee isii san guutuun dirqama.
Ulaagaalee towbaa.
1-tan Rabbiif qulqullooyte tahuu, nahaa arganii fi nahaa dhagayanii irraa qulqulluu tahuu.
2-balleessarraa qulqullaawuu.
3- sheenawuufii gaabbuu.
4- itti deebi'uu dhabuu murteefachuu.
5- yoo haqa namaatiin waan walitti rarra'u taate haqa namaarraa qulqullaawuu.
6- osoo mallattoon qiyaamaa aduun gama dhihaatiin ol deebitee hinbaane tahuu qaba. Osoo mallattoon du'aa hinmul'anne tahuu qaba.

 

 

 

Dhumarratti

Warra diin isaa baratee walbarsiisee sirritti itti dalagee jaalala Rabbii argate nuufii isinis Rabbi nuhaa godhu. Ibaadaalee hunda Rabbi nurraa haaqeebalu.
 Yoo yadaa fi gaafii qabaattan
 mobile - 00966 505697461
yookaan email  [email protected] irratti yaada keessan nuuf kennaa.galatoomaa
wassalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuhuu.

والحمد لله رب العالمين
وصلى الله وسلم على نبينا محمد وآله وصحبه أجمعين.